Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Liibiyaan Keessa Seentee Jirtu Furuuf Filannoon Gaggeeffamu Qaba Jedhan, Aangawaan Mootummoota Gamtoomanii Biyyattii Daawwatan  


Ergamaan addaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Liibiyaa daawwatan Roobii ibsa sabaa himaaleef kennaniin Liibiyaan rakkoo keessa seente jirtu keessa darbauuf humna qabdi jedhan. Ergamaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Abduulaayee Batilii biyya Kaaba Afrikaa qabeenya boba’aan beekamtu Liibiyaa wayita daawwatanitti akka ibsanitti “ Hooggantoonni Liibiyaa har’aa rakkoo liibiyaan keessa seentee jirtu irra aanuuf yeroon isaa amma akka ilaaluun barbaachisaadha. Itti gaafatamummaan isaas gatiittii isaaniirra jira jedhan.

Bara 2011 Fincilli Liibiyaa keessatti ka’e NATO’n deeggaramee mootummaan abbaa irree yeroo dheeraaf biyyattii bulchaa ture Mo’aammar Gadaafii erga ajjeefameen booda biyyattiin jeequmsa keessa akkauma galtetti jirti. Jeequmsa erga du’a Mo’aammar Gadaafiitti aanee dhufeen biyyattiin addaan ciccitteetti. Bulchiinsi wal morkatu bahaa fi dhiha jechuun mootummootiin biyyoota alaas harka keessa galfatanii tokkoon ttokkoo isaanii karaa adda addaan deeggaru.

Jeequmsi amma Liibiyaa keessatti uumamee jiru bara 2021 ji’a Sadaasaa keessa filannoon biyyaaleessaa ni gaggeeffama jedhamee yeroon qabameefii yeroo sanatti ministira muummee ta’anii Tiriippoolii keessatti mootummaa cee’umsaa hoogganaa kan turan Abdul Hamid diduu isaaniitiinidha.

Ergamaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Abduullaayee Batilii qaamoleen Liibiyaa keessatti wal morkataa jiran kunneen deemsi filannoo yeroo dheeraaf harkifate akka raawwatamuuf filannoo taassisuu akka qaban waamicha dhiiyyeessaniiru.

Itti dabaluunis marii qooda fudhattoota Liibiyaa keessaa waliin taasifneen rakkoo Liibiyaa keessaa jiru waliin furuun akka danda’amurratti hunduu amananiiru jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG