Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gurmuun Waraanaa Prezidaantii Gaaboon Alii Bongoo Taayitaa Irraa Fonqolchee Manatti Ugguree Tursiise Bilisa Taasisuu Isaa Beeksise  


FAAYILII - Prezidaantii Gaaboon angoo irraa fonqolchaaman, Ali Boongoo
FAAYILII - Prezidaantii Gaaboon angoo irraa fonqolchaaman, Ali Boongoo

Humnoonni Juuntaa Gaaboon kanneen Pireezidaantii Biyyattii Ali Boongoo fonqolchaan aangoorraa kaasuu labsatanii Pireezidaanticha to’annaa hidhaa mana keessaa jala tursiisan Roobii kaleessaarraa kaasee Alii Boongoo Akkuma Lammiilee Gaaboon kamiyyuu bilisaan jiraachuu danda’u jechuun hidhaa jalaa baasuu ifoomsaniiru.

Dubbii himaan koree mootummaa cee’umsaa Gaaboon amma haaraa hundaa’e Kolooneel Ulriich Maanfambii Teleevizhiyoonaa mootummaan ibsa kennaniin Alii Boongoo haalli fayyaa isaanii ilaalcha keessa galfamuun soccho’uuf bilisa akka ta’an taasifameera jedhan. Yoo barbaades gara biyya alaa deemuun haala fayyaa isaaf yaala argachuu danda’as jedhan.

Pireezidaantiin Gaaboon Alii Boongoo gaafa hagayya 30 yommuu fonqolchaan aangoo isaaniirraa kaafamanii to’annaa mana keessaa jala jiranitti viidiyoo gadhiisaniin Uummataaf waamicha dhiyyeessaniin Jeeqaa, jeeqaa, warra anaan to’annaa jala na oolcheerurratti jeeqaa jechuun wawwaachaa turan.

Alii Boongoo bara 2018 tti yommuu dhiigni gara sammuutti dhangala’ee dhukkubsachuun ji’ootaaf hojii isaaniirraa badanii ture haalli fayyaa isaanii battalumatti ifa hin taane.

Alii Boongoo Namni ganna 64 Gaaboon keessatti Filannoo biyyaaleessaa gaggeefamee ture gaafa hagayya 30 bara 2023 moo’uu isaanii labsatanii turtii sa’aatiiwwan muraaasaan booda kan aangoorraa fonqolchamuun isaanii dhaga’ame.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG