Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Bilinken Maadhee Waraanaa Eegdota Daangaa Yukireen Daawwatan   


Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Anteenii YBilinken bakka eegdoota daangaa Yuukireen kan qarqara magaalaa Kiiv jiru daawwatan, Fulbaana 7, 2023.
Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Anteenii YBilinken bakka eegdoota daangaa Yuukireen kan qarqara magaalaa Kiiv jiru daawwatan, Fulbaana 7, 2023.

Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Anteenii Bilinkan daawwannaa guyyoota lamaaf Yuukireenitti taasisaa jiraniin bakka eegdoota daangaa Yuukireen kan qarqara magaalaa Kiiv jiru daawwataniiru. Daawwannaan Anteenii Bilinkan kun ifatti osoo hin beeksifamiin Yuukireeniitti kan argaman wayita eegdoota daangaa daawwatan kanattis Yuunaayitid Isteetsi Konkolaattoota Afur kanneen Albuuda dandamatanii fi haleellaa dandamatan kennuus dabalatateeti. Kennaan Konkolaataawwanii kun isa Yuunaayitid Isteetsi Konkolaattoota 190 Yuukireeniif kennitu keessaa tokko . Konkolaattonni hafan kaanis ji’oota dhufan keessatti Yuukireen ni qaqqabu jedhameera.

Biliinken Roobii kaleessaa akka beeksisanitti biyyi isaanii Yuukireeniif gargaarsa Doolaara biiliyoona tokkoo haraa akka kennitudha. Kunis gargaarsa meeshaalee nageenyaa Doolaara 175 dabalatee meeshaalee ittisa qilleensaarraa, meeshaalee farra taankii kanneen akka rasaasa Yuraaniyeemii dhume , taankiiwwaan Abiram kan kanaan dura waadaan galamee fi kanneen biroo ta’uus ifoomsaniiru.

Gargaarsi Yuunaayitid Isteetsi sadarkaa kanatti taasiftu Lammilee Ameerikaa fi kanneen seera tumtoota biratti itti fufinsa qabaachuu fi dhiisuu isaa kan gaafataman Anteenii Biliinkan Abdii guddaa akka qaban dubbatan.

Kaniin Yuukireeniin daawwadha waggaa ga’uuf kan jedhan Biliinkan Yeroo sanatti Yuukireen dhibbeentaan 50 Raashiyaan weeraraamteetti ji’a Guraandshala bara 2022 irratti jechuudha. Haala amma Yuukireen ofirraa ittisaa jirtuun jijiiirama hedduu argaa jirra keessumaa torban darbe keessa jedhan.

Ministirri haajaa alaa Yuukireen Dimiitiroo Kuleebaa gama isaaniin Waraana kana keessatti waanti murtaa’aa jiru dhimma Yuukireen qofaa miti, erga waraanni kun

xumurameen booda Addunyaan maal fakkachuuf akka deemtu kan murteessuudha. Raashiyaan kan moo’attu yoo ta’e mootummaan Abbootiin irree biroo biyyoota oollaa isaanii ni weeraru. Biyyoonni warra Lixaa waraana kana yoo hin injifanne waraana akkamii injifachuu danda’uu ? Jedhan.

Haa ta’u malee Kappitool irraa Senaattarri miseensa Paartii warra Rippaabilikaanootaa Sagalee Ameerikaatti yaaddoo qaban akka himanitti Yuukireen waraana kana injifachuuf bulchiinsa Baayiden irraa toftaa murtaa’aa arguun barbaada jedhan. Seenatar Biil Hagertii Miseensonni NATO hundi tarkaanfii fudhachuuf akka beeksisan dhaga’auun barbaada. Tibba kana gara biyyoota Awurooppaattiin imalee deebi’e Michoonni biyyoonni miseensota NATO kana akka jajjabeessan dhugumaan arguun barbaada jedhan.

Biyyoota waraana Yuukireen Raashiyaa waliin taasisaa jirtun Yuukireeniin deeggaraa jiran keessaa Yuunaayitid Isteetsi adda durummaa irratti argamti. Biyyoonni kanneen akka Denmaarki, Istooniyaa, Laativiyaa, Lituwaaniyaa, Poolandi, Isloovaakiyaa, Noorweey, Fiinlaand, Neezerlaand, Yuunaayitid Kiingidamii fi Cheek Ripppaabulik warra Yuukireeniif gumaacha guddaa taasisaa jiranidha Inistitiyuutiin Dinaagdee Addunyaa Kiil kan biyya Jarmaniitti argamu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG