Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Maqalee Keessatti Qabamanii Hidhaman Eessa Akka Jiran Hin Beekamne, Jedhu Maatiin  


FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay
FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay

Maatiwwan hoggantootaa paarti mormitootaa magaala Maqalee keessati hidhamanii, firoottan isaanii bakka jiran akka hin beekneeVOA ti himanii jiru. Hoggantoonni paartilee mormitootaa Tigraay keessa socho’aa jiranii kan poolisootaan qabamanii hidhaman Kamisa kaleessaa yemmuu hiriirri mormii taasifamuuf yaalamu walti bu’iinsaa Poolisootaa wajjin taasifamee hordofuun akka ta’e beekameera.

Hidhaa Kamisaa kaleessaa Raawwateen duraa Roobii dheengaddaa kan qabamanii hidhaman hoggantoonni Partii mormiitotaa biroos ittu mana murtitti hin dhihaatin guyyoottan Sadii ol ta’uu isaa maatiwwan isaanii sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Gabasaan sagale Amerikaa magaala Maqaleetti Argamuu Mulugeetaa Atsibihaa bakka namoottan kaleessaa qabaman itti hidhamanii jiran kan daawwatee yemuu ta’u, namoottan reebichaan madaa’an arguu isaafi walaansa fayyaa ittu hin argatin akka jiran ibseera. Dhimmaa kana irratti haanga’ootaa poolisii magaalaa Maqalee irraa deebii argachuudhaaf yaaliin taasifamee akka hin milkoofne gabaasnii Mulugeetaa Atsibahaa kun dabalee ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG