Hordooftoonni Amantaa Ortodoksii magaalaa Godina Silxee Kibet keessaa baqatanii bahan ammayyuu akka gara qe’ee isaanitti hin deebine sagalee Amerikaatti himanii jiru. Hordoftoonni Amnataa Ortodoksii Itiyoophiyaa kuma tokko ta’an kan magaalaa Kibet gadi lakkinsanii baqqatan wixata dheengaddaa magaalichaa keessatti walti bu’insaa Poolisootaa fi dargaggoota naannoo sana warreen Amantaa Musiliimaa hordofan gidduutti taasifamee hordofuudhaan akka ta’e gabaasamera.
Dhimma tolfataatiin walqabatee mormii hordoftoonni amantaa Musiliimaa kaasan jalaa nageenyaa isaanitif jechaa baqachuudhaan magaalaa godinaa Guraagee keessatti argamuu Buttaajiraa keessaa namoottan kun kan qubtanii jiran. Bulchan sinoodosii mana amantaa Ortodoksii godinaalee Hadiyaa fi Silxee Malaake Hiyiwoot Qeesis Niguseen akka sagalee Amerikaatti himanitti namoonni baqachaa jiran ammas dabalaa deemaa jiru.
Jeequmsaa magaala Kibet keessatti uumamee kanaan walqabatee manoottan hordoftootaa Amantaa Ordtodoksii 100 ta’an gubachuu isaanii bulchaan Sinodoosii godinaa Hadiyaa fi Silxee dabalanii ibsuu isaani gabaasa Yoonaatan Zebdiyoos irraa hubachuun danda’ameera.
Forum