Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Yunaatitid Isteets Murtoon Yeroo Muddamaa Waa'ee Itiyoophiyaa Irratti Waggaa Lama Dura Baafte Waggaa Tokkoof Akka Itti Fufu Beeksiste  


FILE PHOTO: Taankii waraanaa barbadaahe, Itoophiyaa
FILE PHOTO: Taankii waraanaa barbadaahe, Itoophiyaa

Yunaayitid Isteets murtoon yeroo atattamaa haala nageenyaa Itiyoophiyaa keessa jiruun walqabatee wagga lamaa dura baaftee wagga tokkoof akka itti fufu ibsamee jira.

Ibsii masaraa Waayit Haawus irraa kamisa kaleessaa bahe akka jedhetti, haalli nageenyyaa kaaba Itiyoophiyaa keessa jiru dhiibaa inni nageenyaa biyyaalesaa fi imaammata alaa Yunaayitid Isteets keessatti qabu irratti hundaa’udhaan seerri aangoo diinagdee yeeroo muddamaa kan idilee addunyaa ajjaja bulchiinsaa lakkoofsaa 14046 jedhamee beekamu jalatti kan labsame Fulbaana 17 bara 2021.

Haalli nageenyaa Kaaba Itiyoophiyaa fi naannoo sana turee nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa miidhuu irra darbee nageenyaa kutaa gaanfaa Afrikaa jeequmisaa keessa kan galchuu akka ta’e kan himee ibsii mootummaa Yunaayitid Isteets kun yeroo ammaas haalli nageenyaa foyya’aadhaaf abdachiisaa ta’e waan mulachaa hin jireef Seerichi Fulbaana 17 bara 2023 kaasee wagga tokkoof akka itti fufu beeksisee jira.

Forum

XS
SM
MD
LG