Xurree ittiin seenan

Breaking News

Garee Ogeeyyii Addunyaa Cabinsa Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Qoratuuf Yeroon Hojii Akka Dheeratuuf OLLAAn Gaafate  


Dhaabbanni jaarmiyaa hawaasaalee Oromoo OLLAA jedhamee beekamuu, Koreen komishiinii mirga namoomaa adduunyaa inni dhimma Itiyoophiya irratti akka hojjatu hundeeffame yeroon inni Itiyoophiyaa keessaa turu akka dheeraachuufi qabu gaafatee jira. Gareen ogeessotaa mirga namoomaa kun kan sarbiinsaa seera mirga namoomaa adduunyaa, Itiyoophiyaa keessatti dhiibammaa jiraachuu isaa irratti himanna dhihaataa turee akkaataa wallaba ta’een akka qoratu komishiini dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalatti Sadaasa 3 bara 2020 kan hundeeffameedha.

Aangoon garee kanaaf kennamee bara kana keessaa waan xumuramuuf, dhiibaa mootummaan Itiyophiyaa garee kana irratti umaa jiruun kan ka’e gabaasni isaa inni wagga lammafaa isaa dhumaa akka ta’uu hin oolle OLLAAn ibsa isaa keessatti eerera. Yeroo ammaa yemmuu hidhattoonni Faannoo, umnoottan naannoo Oromiyaa fi milishoonni biroo yakkaa mirgaa namoomaa raawwachaa jiranutti haaromsamuu hafuun angoo garee qorattoota mirgaa namoomaa waan gaddisisaa akka ta’u kan ibsee OLLAAn, haasaan jibbiinsaa farraa oromoo ta’ee dabaalaa adeemaa jiraachuu isaa, hokkorri naannoo Amaaraa keessatti adeemaa jiruu babalachuu isaa, akkasumas, dhimmii hokkora saalaa walti bu’insaan walqabatee naannoo Tigraay keessatti itti fufee jiraachuun isaa dhimmoottan akka aangoon koree mirga namoomaa kun haaromsamuu akka qabu kan taasissu akka ta’e hubachiiseera.

Yemmuu hojiin sirna haqa ce’uumsaa mirkaneesuu hojjatamaa jiru kanatti hojiichii harka mootummaa Itiyoophiyaa qofatti dhiifaamuu akka hin qabnee kan gaafatee OLLAAn mootummaan Itiyoophiyaa akka gareen mirgaa namoomaa qoraannoo isaa itti fufu eeyyamuuf gaafatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG