Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Waraana Ishee Nijeer Keessaa Qabdu Hir'iste  


Ministiriin ittisaa Yunaayitid Istees ykn Peentaa goon jedhamee beekamu umnoottan waraanaa Biyya Niijeer keessaa qabu wajjin namoottan hojjachaa jiran keessaa amma tokoo baasuudhaaf akka murteesse ibsamee jira.

Haanga’onii mootummaa yunaayitid Isteets kamisaa kaleessaa dhimma kana irraatti dubbachuu isaanii kan ibse maddi oduu Rooyoters dhimma of egganootiin kan ka’e, Peentaagoon loltoota fi meeshaalee waraanaa Nijeer keessaa qabu tokko tokko bakki isanii akka jijjiramu taasisee jira.

Ittu maqaan hin dhahamin Royitresitti kan dubbatan haanga’an mootummaa Yunaayitid Isteets meseensonni waraan ammam akka Nijeer keessaa bahanuufi ammam immoo bakkaa buufataa xiyyaara waraanaa isa magaala guddicha biyyatti keessatti argamu fi buufata 101 jedhamee beekamuu irraa gara buufata 201 jedhamee beekamuu magaalaa Agaadeez keessaatti argamuutti dabarfaman ifa gochuu hin barbaanne.

Buufanni xiyyaaraa waraanaa kan xiyyaaronni nam- malee ykn Dirooniwwan Yunaayitid Isteets irra qubatanii fi buufata 201 jedhamee beekamuu naannoo magalaa Agaadeez ti baasii doolara miiliyooni dhibba tokkoon kan ijaarameedha.

eraga bara 2018 ti kaasee sochii gareewwan Isilaamiik Isteet fi garee al qaayidaa wajjin hidhata qabu Jaama’at Nusrat al islam wal Muslimeen jedhamuu too’achuudhaa akka itti gargaaramaa torte gabaasameera.

Yunaayitid Isteets, biyyaa lixa Afrikaa Niijeer keessaa loltootaa 1,100 kan qabduu yemuu ta’u, erga loltoonni biyyaatti fonqolchaa aangoo taasisanii mootummaa qabatanii ji’a Adoolesaa darbee as yemuu sochii waraana isheef bakka jijjiruu raawwattu inni kun isa jalqab akka ta’e gabaasnii Rooyoters beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG