Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Prezidaant Baayiden Walgahii G-20tti Hirmaachuuf Biyya Hindii Seenanii Jiran  


Bakka walgahiin G-20 itti geggeeffamu, Niiw Deelhii, Indiyaa, Fulbaana 7, 2023.
Bakka walgahiin G-20 itti geggeeffamu, Niiw Deelhii, Indiyaa, Fulbaana 7, 2023.

Prezidaant Joo Baayden walgahii biyyoottan garee “G-20” jedhamanuu irratti hirmaachuudhaaf gara Indiyaatti imaluudhaaf kan Waashingtooni ka’an kamisaa kaleesaa galagala yemmuu ta’u, Baayideen walgahichii, biyyi isaanii fi michuuwwan ishee yaada walfakaataa qaban dhimma diinagdee fi nageenya adduunyaa irratti Chaayinaa caalaa amanamoo ta’uu akka danda’an bakkaa itti mulisanu akka ta’e himuun isaanii ibsameera.

Akka haanga’onni Waayit Haawus jedhanitti walga’ichii aangoo liqeessuu Baankii Aduunyaa fi Fandiin dhaabbata maalaqaa /IMF Biiliyoonii 200n dabaluu qaba jechuudhaan kan Yunaayitid isteets itti ibsitu ta’uu isaa beeksisanii jiru.

Kunisii hojii dhaabbanni Chaayinaa “BELT and RAOD” jedhamuu issaa Yunaayitid Isteets sochii babaldhinaa waraana Chaayinaa of keessaa qabuudha jetun morkachuudhaaf akka ta’e ibsameera.

Baajata dhaabbilee kana lammanni guddisuudhaaf maalaqaa babalataa doolaaraa Biiliyoonii 3.3 kennuudhaaf Baayiden kongreesii mootummaa Yunaayitid isteets fi gaafii dhiheesanii jiru.

Prezidaant Baayiden erga walgahii Niwu Deelihii keessatti taasifamaa jiru raawwatanii booda, hidhataa diinagdee biyyoottan lamman gidduu jiruu irratti maryachuudhaaf gama biyyaa Veetinaamitti akka ce’an beekameeraa.

Karaa biraatiin yaa’ii biyyoottan Eeshiyaa bahaa biyya Indooneejiyaa magaala Jaakartaa keessatti taasifame irratti kan dubbatan Prezidaantin Indoonejiiyaa Jaakoo widoodoo Yunaayitid Isteets, Chaayinaanii fi Raashaan muddama kibba bahaa Eeshiyaa keessatti taasisaa jiran akka laafisuu qaban gaafachuun isaanii gabaasameera. Itti aantuu prezidaantii Yunaayitid Isteets Kamalaa Haariis walgahii kana irratti akka hirmaatan beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG