Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masriin Kan Itiyoophiyaan Hidha Laga Abbayaa Guutuu Ishee Beekisete "Gochaa Seeraa Alaati" Jette 


FAAYILII - Hidha Laga Abbayaa, Naannoo Benishaangul Gumuuz, Fulbaana 26, 2019.
FAAYILII - Hidha Laga Abbayaa, Naannoo Benishaangul Gumuuz, Fulbaana 26, 2019.

Itiyoophiyaan hidha laga Abbayyaa bishaan guutee jechuun labsuun ishee, madda waldhabdee yeroo dheeraaf ture kan ta’e “seeraan ala” jechuun Ministeerri haajaa alaa Masrii Dilbata kaleessaa balaaleffatee jira. Tarkaanfiin ''gam-tokkoo'' Itiyoophiyaan guutinsa hidha guddichaa xumuruuf fudhatte, masrii fi Sudaan waliin marii taasifamu ''ulfataa'' kan taasisuu ibsee jira. Mariin kun, Bara 2021 addaan citee kan ture yoo ta’u, garuu ji'a darbe deebi'ee kan eegale ta'uu ibsi Ministeerri Dhimma Alaa baaseen beeksiseera.

Itiyoophiyaan Dilbata kaleessaa, hidha laga Abbayyaa bishaaniin guutuu ishee beeksiiftee jirti. Muummichi ministiraa Abiy Ahimad gama duraan tiwiitara jedhamee waamamaa tureen, Guuttaan Hidha Haaromsaa 4ffaa milkaa'inaan xumuramuu isaa, gammachuu guddaadhaan beeksisa jedhan.

Masrii fi Sudaan hidhi guddaan doolaara biiliyoona 4.2 baasu kun qooda bishaan Abbayyaa isaan argatan haalaan akka hir’isu waan sodaataniif, hanga hundi isaanii akkamitti hojjechuu akka qabu irratti walii galtee irra ga’anitti, Itiyoophiyaan bisaan guutuu akka dhaabbatu irra deddeebiin gaafataniiru.

Yeroo ammaa kana raafama waraana biyya keessaan liqimfamte kan jirtu Sudaan, waggoota dhiyoo asitti ejjeennaan ishee jijjiiramaa jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG