Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guutummaa Afrikaa Keessatti Geejiiba Foyyeessuun Barbaachiisaa Ta’uu Prezidaant Joo Baayiden Dubbatan 


Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden , Veetinaam, Fulbaana 10, 2023.
Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden , Veetinaam, Fulbaana 10, 2023.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Dilbata kaleessaa daawwannaa Veetnaam keessatti gaggeessan irratti, dhimmoota jijjiirama qilleensaa fi hanqina nyaataa irratti mari’achaa yeroo turanitti, biyyoonni garee G7 fi G20 jedhaman, guutuu ardii Afrikaa keessatti daandii baaburaa ijaaruu akka danda’an eeranii jiru.

Yeroo ammaa kana ardii Afrikaa, karaa ykn daandileen akkasumas baaburaan qaxxaamuran akka hin jirre, kunis biyyoonni Afrikaa keessa jiran qabeenya, kan akka nyaataa salphaatti akka hin qooddanne taasisa jedhan.

"Ardii bal'aa Afrikaa sana keessatti, biyyi nyaata ykn qabeenya garmalee qabdu turte tokko jirti haa jennu - akkamitti bakka inni itti deemu geessuu dandeessi?" jechuun ibsa Haanoyitti kennaniin dubbataniiru.

"Balaa dhala namaa mudachaa jiru tokkittii, kan waraana niwukilaraa caalaa sodaachisaa ta'e, waggoota digdama ykn kurnan dhufan keessatti, ho'inni qilleensa addunyaa digrii 1.5 ol ta'uu qofa. Rakkoo dhugaa keessa jirra, kana irraa karaan itti deebinu hin jiru," jechuun Baayiden ibsan

Forum

XS
SM
MD
LG