Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigiraay Aangawaan Mootummaa Tokko Ajjeesame  


Kibxata kaleessaa jechuun Fulbaana 1 bara 2016 ayyaanni waggaa haaraa Itiyoophiyaa kabajamaa utuu jiruu galgala gara naannoo sa’a 3:30tti itti gaafatamaan damee hawaasummaa godina kibba Tigraay obbo Saamsoon Tafarii magaalaa Maaycew keessatti nama dhuunfaa tokkoon itti dhukaafamuun ajjeefamuu isaanii bulchiinsi godinichaa beeksisee jira.

Bulchiinsa humna namaa kan Poolisii godinaa sanaa komaander Solomon Abrehaa VOAf akka hjimanitti kan ajjeefaman obbo Saamsoon Teferii, ayyaana waggaa haaraa hiriyoota isaanii waliin bakka bashannanaa tokkotti kabajanii utuu ba’anii ajjeechaan kun irratti raawwatame.

Shakkamaan nama kana ajjeese Kebbedee G/Mikaa’el jedhamu obbo Saamsoonitti dhukaasee motor saaykilii dhaan naannoo sanaa mliqie. Humni naga eegumsaa hawaasa waliin ta’uu dhaan shakkamaa kana qabuuf hojjetaa jiru jedhan. kana dura shakkamaan kun bulchiinsa yeroo kan mootummaa federaalaan hundaa’e keessaa hojjetaa kan ture yoo ta’u, booda irras badhaadhina waliin hojjette jedamuun ji’a ja’aaf hidhamee kan hiikameef obbo saamsooniin situ na hiisise jedhee doorsisaa kan ture ta’uu komaanderichi ibsaniru. Prezidaantiin mootummaa Yeroo kan Tigraay obbo Geetaachoo Redaa torban darbe ibsa kennaniin, jiraattota hafee angawoota eegumsaan sosso’aniif iyyuu haalli nageenya naannoo Tigraay yaaddessaa dha jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG