Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Xayyaaraan Daarfuur Keessatti Geggeessameen Yoo Xiqqaate Namoonni 40 Tahan Ajjeesaman  


Hogganaan raayyaa waraanaa Sudan Abdel Fattah Al-Burhan gara Turkiitti qajeelaa utuu jiranii har’a haleellaa samii irraan naannoo dhiha Sudaan Daarfuur irratti raawwatameen yoo xiqqaate lammiileen nagaa 40 ajjeefamaniiru.

Maddi mana yaalaa tokko dhaabbata oduu Faransaay AFP'tti akka himetti, haleellaa qilleensaa lafa gabaa lamaa fi naannoo magaalattii hedduu rukuteen namoonni nagaa 40 ajjeefamaniiru."

Maddi kun hospitaala magaalaa guddoo Daarfuur Kibbaa Niyaalaatti argamu irraa yoo ta’u, yaaddoo nageenyaa irraa kan ka'e maqaan isaa akka hin dhahamne gaafateera.

Haleellaan Kibxata darbe kun kan raawwatame erga maddeen mana yaalaa siiviloonni 17 Kaaruum magaalaa Omdurman keessatti ajjeefamuu gabaasanii guyyaa tokko booda. Kanneen ijaan argan akka jedhanitti haleellaan sun dhukaasa RSF irraa ti.

Dilbata darbe ibsa kennaniin, haleellaa samii irraan Kaartuum gama kibbaatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 51 ajjeefamuu hoogganaan dhimmootii tokkummaa mootummootaa Volker Turk beeksisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG