Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walwaraansi Sudaan Akka Daran Xiyyeeffanaa Argatu Hoogganoonni Addunyaa Gaafatan


FAAYILIi - Baqattoota Sudaan Chaad gahan, Hagayya 4, 2023.
FAAYILIi - Baqattoota Sudaan Chaad gahan, Hagayya 4, 2023.

Hawaasinni adduunyaa dhumiinsa Sudaan keessatti raawwachaa jiruuf akka xiyyeeffanna kennuu qabu hoggantoonni dhaabilee gargaarsaa fi kanneen mirga namoomatiif falmanuu beeksisanii jiru.

Hoggantoonii dhaabilee mirga namoomaa fi gargaarsaa 50 ol ta’an guyyaa har’aa ibsa waloodhaan baasaniin ‘’Sudaan kana booda afaan boolla dhumiinsa jumlaa irra jirtii, gara qarqarattis darbatamteetti ” jedhaniiru.

Dhaabbileen gargaarsaa kun ibsa kana kan kennaan, Roobii har’aa walgahii mannii maree nageenyaa kan dhaabata mootumoota gamtoomanii dhimma sudaan irratti taasise irratti yemmuu ta’u, manni maree nageenyaa dhimma Sudaan irratti haasaa irraa darbee gara tarkaanfiitti akka ce’uu qabu gaafataniiru.

Walwaraansii Sudaan kun erga jalqabee ji’a Shan ta’uu isaafii naannoo magaala Kaartuum irraa garaa kutaa daarfuur, Kordifaan bahaa fi kutaa Biluu naayilitti babaldhatee, lammiileen Sudaan miiliyoonii 20 ta’an ykn lammilee biyyatti keessaa dhibbeentan 42 akka balaa beelaatiif saaxilee ibsii dhaabilee kana ere jira. Kana malees namoonni miiliyoonii Shan ta’an jireenya isaani irraa buqa’anii, ijoollewwan 498 du’anii, hospitaalota biyyatti keessaa dhibeentaa 80n mancaa’u isaa ibsii dhaabilee kanaa dabalee ibseera.

Karaa biraatiin dhaabbata mootummoota gamtoomanitti hogganaan jaarmiyaa mirga namoomaa Volker Turk yemmuu walgahii mana maree nageenyaa irratti dubbatan ummanni Sudaan maraanmartoo dhumiisaa dhummaa hin qabnee isaa gareewwan walwaraanaa jiran lamman uman keesaa seenee jiraa jedhaniiru.

Walwaraansi Sudaan akka waligalatti amma ammatti namoottan kuma Afur fixuu isaa fi Miiliyoonii 7.1 kan ta’an immoo biyya isaanii keessatti qe’ee irraa akka buqqise dhaabata mootummoota gamtoomanitti jaarmiyaan dhimma baqattootaa beeksisuun isaa gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG