Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Balaa Lolaa Liibiyaa Muudateen Du’an Kuma Shanii Ol Ta’uun Himame 


Suuraa saatalaayitii Plaaneet Laabs PBC irraa argame balaa galoo Deemaatti gahe agarsiisu, Liibiyaa, Fulbaana 12, 2023.
Suuraa saatalaayitii Plaaneet Laabs PBC irraa argame balaa galoo Deemaatti gahe agarsiisu, Liibiyaa, Fulbaana 12, 2023.

Lakkoofsi lammilee Libiyaa balaa lolaa bishaaniitin du’anii kuma Shanii ol ta’uu isaa fi ammalee namoottan kumaatamaan lakkaawaman bakka buuteen isaanii akka hin beekamne gabaasamaa jira.

Haanga’oonni dhaabbilee egumsa fayyaa Libiyaa bahaa keessa jiran akka madda oduu Assooshiyeetid Pirees ti himaniti, magaalaa balaa lolaa kanaan hedduu miidhame Dernaa keessatti reenfii namoottan 5,100 argamee jira.

Akka hojjattonni fayyaa kun dabalanii jedhanitti, namoottan magaalaa Dernaa ti alatti du’an dabalatee amma ammatti libbuun namootaa 5, 202 darbuun isaa beekameeraa.

Lakkoofsii namoottan du’anii akka dabaluu danda’u kan himan hojjattonni fayyaa, magaalaa Dernaa keessatti qofa ammaa Roobii har’atti namoottan 7000 ta’an mada’anii buufata waldhaansa fayyaa yeroodhaaf qophaa’an keessatti waldhanamaniiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti jaarmiyaan dhimmaa godaantotaa Akka ibsetti magaalaa Dernaa keessatti amma ammaatii namoottan kuma 30 ta’an jireenyaa isaanii irraa buqa’anii jiru.

Namoottan balaa kanaan midhaman keessaa lammiileen Palastaayin warren mooraa baqattootaa keessa jiran akka ta’an kan ibsan dhaabbileen gargaarsaa,bakkaawan adda addaa balaa lolaa kanaan midhaman keessaatti amma ammaatti namoottan kumni 40n akka jireenyaa isaanii irraa buqa’an beeksisanii jiru.

Lolichii daandiwanii fi riqichaawwan waan barbadeesseef dhaabbileen gargaarsaa fi lubbu baraartonii akka socho’uu hin dandeenyee ibsamuu isaa maddii oduu AP dabalee gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG