Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koriyaa Kaabaa Akka Raashiyaa Waliin Dhaabattu Beeksiste  


Hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim joong Un prezdaantii Raashiyaa wajjin walgahuun booda baaburaa ittin deebi'an irraa namotoa oggaa dubbisan, Fulbaana 13, 2023.
Hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim joong Un prezdaantii Raashiyaa wajjin walgahuun booda baaburaa ittin deebi'an irraa namotoa oggaa dubbisan, Fulbaana 13, 2023.

Hogganaan mootummaa Kooriyaa kaabaa Kiim joong Un biyyii isaanii akka Raashaa wajjin dhaabbattu prezidaanti Raashaa Vilaadimiir Putiiniif ibsanii jiru.

Lola Raashaan keessaa seentee jirtu “ lola ebifamaa, biyyoottan lixaa warren Impeeriyaalistoota jedhanii waman wajjin kan taasifamaa jiruu waan ta’eef kooriyaan kibbaa lola kana irratti akka Raashaa wajjin dhaabbatu Kiim Joong Un ibanii jiru. Hoggantonni biyyoottan lammanii kan wal argan baha Raashaa keessatti kan argamuu buufata rookeetiin hawaa Raashaa irraa furgugaa’ufi VOOSTOCHNY COMODROOME jedhamuu keessatti yemuu ta’u Kooriyaan kaabaa hariiroo Raashaa wajjin qabduu irratti ijannoo hin raafamne akka qabduu Kiim Joong ibsanii jiru.

Kooriyaan kaabaa kanaan duraa yeroo lamma rookeetii garaa hawaatti erguudhaaf yaaltee jalaa fashalaa’ee jira. Dhimmaa kana irratti Raashaan tarii Kooriyaa kaabaa gargaaruu yaaddii laata? Jedhamanii kan gaafataman Prezidaantiin Raashaa Viladimiir Putiin “ Sababinni nu as jiruuf kanuumaafii “ jechuudhaan deebii kennanii jiru.

Jiili kooriyaa kaabaa haanga’ootaa Idustirii waraanaa fi hoggantootaa waraana ol anoo kan of keessa qabu akka ta’e beekameeraa.

Daawwaannaa hogganaan Kooriyaa kaabaa Raashaatti taasisan kana kan dhiheenyatti hordofaa jirtu Yunaayitid Isteets, biyyoottan lamman waligaltee meeshaa waraanaa taasisuuf akka deeman ibsitee jirti. Biyyoottan lammaa yaadaa Waashingteen kana fudhachuu baatanus, Yunaayitid isteets michuuwwan ishee warren dhimmaa lola Yukireen irratti waliin dhaabbatanii jiran , Piyoong yang Mooskoodhaaf meeshaalee waraanaa akka dhiheesuu dandeesuu irraatti walii galanii jiru.

Karaa biraatiin battalumaa hoggantoonni biyyoottan lammanii walarganitti, Kooriyaan kaabaa misaa’eloota balaastikii kan fageenyaa gabaabaa lama dhukaasuu ishee haanga’onni Kooriyaa kibbaa fi Jaappan beeksisanii jiru. Akka xiinxaltoonni jedhanitti Kooriyaan kaabaa yemmuu hoganaan ishee biyyaa keessa hin jirree yemmuu yaalii dhukaasa misaa’elaa taasiftuu inni kun isa jalqabaa akka ta’e ibsanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG