Tasgabii dhabiinsa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti fufee, Intarneettii addaan cituun, tajaajiila gargaarsa namoomaa, hawaasummaa fi diinagdee irratti dhiibbaa hordoofsisuu isaa ibsamee jira. Diraamaa gama yuu Tiyuubiin(youtube) walitti fufiinsaan dhiyaatan tajaajiilli Intar neettiin addaan cituu isaan , yeroo waggaa tokko guutuuf jedhuuf walitti dhufeenyii uummata waliin qaban citee, galii silaa Yuu Tiyuubii irraa argataniin jireenyi gaggeessaa turan, rakkoon isa mudachuu isaa kanneen ibsan ni jiran.
Dhaabbata Fayyaa Hawaasa Amaaraa dame Daseef Daayreekteera kan ta’an Obbo Antaneeh Demelaash, saamuuda dhukkubsattoota irraa fuudhuufis ta’e ba’iinsa isaa beeksisuun, lafa irra harkiifachuun sababaa tajaajiilli intarneetti cituun ta’u ibsan. Kana malees, tajaajiilli kutaa qorannoo ykn Laaboraatorii qulqulliina isaa kan eegee fi kan hin eegne ta’u mirkaneessuu,f akkaataan hojii sadarkaa addunyaatti gaggeeffamu irrattis dhiibbaa geesisuu isaa ibsan. Sababaa dhabamuu Intarneettiin, hojiin galii waliitti sassaabuu irratti dhiibbaa qabaatuus, jedhu bulchiinsa magaalaa Daseetti itti gaaftamaan qajeelfamnii galiiwwanii Obbo Malaakuu Mikaa’eel, garu carraa biraan fayyadamuun hojii kana itti fiifsisuun danda’ameera jedhan.
Rakkoo Intarneettii kanaan deemsa baruu fi barsiisuu akkaumas hojii qorannoo yeroon akka hin xumuramneef sababaa ta’u, Yunivarsitii Dasee keessaa barsisaa kan jiran Dr. Alamaayoo Irq Yihun ibsanii jira. Kana malees waltajjilee qorannoo kan sadarkaa addunyaa irratti ituu hin hirmaatiin hafuu dubbatanii jiru.
RSAf yaada isaanii kan kennan jiraattonni magaalaa Dasee qajeelfamaa fi Dambiin hojii, deemsa seera haala eegeen warra raawwachiisan bira dhaqqabaa akka hin jiree, gabaasa wal jijjiruun addaan citus jira jedhan.
Tajiilli Intarneettii bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti addaan cite kan jiru tajaajiilli Intarneetti akka iddootti deebi’uuf, jaarmayoonni mirga namoomaa 300 kan of-keessaa qabu gamtaan tokko akkasumas, jaarmayoonni 48 waamicha irratti malleetteessan dhiyeessanii jiru jechuun Masfiin Arraagee Dasee irraa gabaasee jira.
Forum