Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa biyya Sudaan Voolkeer Peertees Aangoo gadhiisaa jira jedhe. Akkan Aangoo kiyyaarraa gadhiisuus erga nattiu himamee ji’oonni Afur darbaniiru jedhee , humnoonni Waraanaa Sudaanii fi humnoonni waraanaa humna addaa RSF addaan ba’uu isaaniis qeeqeera.
Wal ga’ii mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniirratti yaada kan kenne Voolkeer waldhabdeen Sudaan keessaa kun hambaa gaddisiisaa dhiittaa mirga namoomaa dhiiseera jedhee haleellaan loogii malee namoota nagaa irratti qaamoolee waraanaan raaawwataman sarbama mirga namoomaa hamaadhas jedheera.
Akka gabaasa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti ji’a Eebilaa erga waraanni Sudaan keessatti jalqabee kaasee namoonni 5000 du’aniiru kanneen baay’inni isaanii 12,000 ta’animmoo madaa’aniiru. Wraana kana baqaaf jechas namoonni Miiliyoona Shan ta’an qe’ee isaaniirra buqqa’anii godaananiiru. Warra qe’ee isaanii gadhiisanii baqatan keessaas kanneen baay’inni isaanii Miiliyoona tokko ta’an daangaa qaxxaamuruun gara biyyoota ollaatti baqataniiru. Wal waraansi Sudaan keessaatti amma taasifamaa jiru naannoo Daarfuritti kan bara kuma lamoota keessa walitti bu’insa sabaa gidduu galeessa godhateen yakki duguggaa sanyii raaawwatamee ture ammas yaaddeessaa ta’uu dhaabbanni mootummoota gamtoomanii eereera.
Voolkeer Pertees dubbii isaanii keessatti Lixa Daarfuur El Gineenaa keessatti saba Masaliit keessaa kanneen dhibbootaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru. Dhaabbanni mootummoota gamtoomaniis odeeffannoo amanamoo irraa argateen bakkoota awwaalchaa Jumlaa 13 naannoo El Gineenaa jiraachuu mirkaneffateera jedhan. Naannoo kanattis gareen warra RSF fi gareen Milishaa Arab jedhaman RSF waliin hidhata qaban ajjeechaa kana raawwataniiru jedhaniiru.
Naannooma kanatti yeroo kaanimmoo boombiin qilleensaarraan uummatarratti darbatama. Kana kan gochuu malu warra humna waraana qilleensarraa of harkaa qaban humna waraanaa Suddaanidhas jedhan Voolkeer Peertees. Qaamooleen wal wraanaa jiran yakkoota raawwataniif itti gaafatamummaan jiraachuu qabas jedhaniiru itti dabalaan.
Gareen Dippiloomaatoota Mana mare nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii ibsa baaseen wal waraansa Sudaan keessaan hookkarri saalaa babal’achaa jiraachuu isaatiin sodaa qabaachuu ibsanii, qaamonni wal waraanaa jiran kunneen hookkara akkasii dhaabanii dirqama seera namoomaa Idil addunyaa kabajuu qabus jedhaniiru.
Yuunaayitid Isteetsi Roobii kaleessaa dhimma waraana Sudaan keessaa ilaalchisuun ibsa baasteen gareewwan wal waraanaa jiran waldhabdee gara jabenyaan guutame akkasiitti xumura taasisuu qabu. Uummanni Sudaan Bilisuummaa , Nagaa fi haqatau isaaf malas jetteeti. Dubbii himaan ministira haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Maatiwuu Miilar ibsa kennan keessatti akkauma kanaan dura irra deddeebinee himaa turre qaamoole wal wraanaa jiran lamaan dirqama eegumsa namoota nagaa akkasumas seera namoomaa Idil addunyaa kabajuu qabu jedhaniiru.
Sudaan keessatti qaamoleen wal wraanaa jiran gara nagaatti akka dhufaniif IGAD, Yuunaayitid Isteetsi, Gamtaa Awurooppaa, Saa’ud Arabiyaa fi biyoonni Ollaa sudaan hangi tokko walitti fiduuf yaalanis hanga ammaa nagaan dhufuu hin dandeenye.
Hoogganaan dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez haala amma Sudaan keessa jirurratti Sagalee Ameerikaarraa gaaffii dhiyaateefiif yommuu deebii kennan daandii gaariin dhibeen Afiriikaa Afiriikaanootuma mataa isaaniin osoo hiikkame gaariidha jedhanii , Akka carraa ta’eemmoo lola suukkaneessaa wal duraa duubaan kan uummata nagaa irratti dhiibbaa geessisu dhaabbachuu dadhabe argaa jirra, Kunimmoo hedduu nama jeeqa jedhanii akka anai yaaduttii hawaasni addunyaa waliin ta’uun kanneen waraana Sudaan keessaa hooggana jiran akka waraanicha dhaabaniif itti himuu qaba. Sababiin isaas waanti isaan hojjechaa jiran diigumsa biyya isaanii qofaa osoo hin taane tasgabbii fi nageenya naannoo sanaa irrattillee balaa guddaa waan taa’eefi jedhan Guutereez.
Waraana Sudaan keessaan gargaarsi namoomaa rakkoo guddaa keessa galee jira , Ji’a tokko keessatti qofa hanga namoota miiliyoona tokkoo qe’ee isaaniirraa buqqa’u sirni eegumsa fayyaa biyyattii baduu fi beelli hammaachaa dhufuun ammas sodaa guddaadha. Dhaabbanni Mootummoota gamtomaniis Lammileen Sudaan Miiliyoona ja’a ta’an qarqara beelaarra jiru jechuun akeekkachiiseera.
Forum