Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Namoota Balaa Lolaa Bishaanii Libiyaa Mudateen Dhumanii Kuma Shan Gahee Jira 


Konkoolaataawwan lolaadhan fudhatamaan, Deernaa, Libiyaa Fulbaana 14, 2023.
Konkoolaataawwan lolaadhan fudhatamaan, Deernaa, Libiyaa Fulbaana 14, 2023.

Balaa Lolaa magaalaa Deernaa biyya Liibiyaa mancaaseen booda ammayyuu reeffa namoota du’anii barbaaduun akkauma itti fufetti jira. Namoonni balaa kanarraa lubbuun hafaniiranis reeffa firoota fi namoota isaanii barbaadaa akka jiran dubbatu.

Muusaa Ibiraahiim Firoonni baay’een du’uu kan amanu erga hidhaawwan bishaanii gurguddoon lama kan qarqara magaalaa Deernaa cabuun bishaan irra garagalee guyyoota lamaan booda reeffi namoota du’anii bishaaniin oofamee gara galaanatti fi naannoowwan ollaa keessatti argamaa jiraachuus himeera. Akka Muusaan jedhetti hidhi bishaanii guddaan magaalaa Deernaa cabe kun ol ka’insa meetira 20 qabu yommuu achii dhufu gamoowwanii fi mooraa cabsee namoota hunda ajjeese jedha.

Obomboleettiin galaana Meeditiriyaaniyaarraa ka’e Rooba cimaa naannoo Liibiyaa bahaa hedduu keessatti balaa lolaa lubbuu namaa galafate kan qaqqabsiise yommuu ta’u magaalaan Deernaa Kan gamoowwan halluu adii fi muka meexxiin beekamtu hedduu miidhamteetti. Osoo balaan kun hin dhaqqabiin Akeekachisni kamiyyuu hin kennamne kan namoonni balaa kanaraa hafaniiran , Sagalee dhohinsaa yommuu hidhaawwan bishaanii caban qofa dhageenyee jedhu.

Magaalaan Deernaa jiraattoota baay’inni isaanii Kuma 90,000 ta’an qabdu sababa balaa kanaan namoonni 5100 du’uun mirkana’ee kanneen 9000 ta’animmoo hin argamiin jiru. Sababa balaa kanaanis namoonni kuma 30 ta’an buqqa’anii kan jiran yommuu ta’u deeggarsi namoomaa jalqabaa Kibxata darbe kan qaqqabeefii yommuu ta’u , deeggarsa namoomaa yeroon qaqqabsiisuun ammayyuu rakkoo ta’uutu himame kunis riqichoonni daandiiwwanii gara magaalittiitti seensisan hundi manca’uu isaaniitiin.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG