Niijeer keessatti erga fonqolchi mootummaa taasifamee as Humni waraanaa Yuunayitid Isteetsi ergama farra shororkeesummaaf taasisu turtii ji’a tokkoon booda Dirooniiwwanii fi xiyyoorata waraanaa biroo balalisuu jalqabuu isaa hooganaan waraana humna qilleensaa Yuunaayitid Isteetsi kan Awurooppaa fi Afrikaa Jeneeraal Jeemsi Heekeer roobii kaleessa ibsa kenneen beeksiseera.
Erga ji’a Adooleessaa keessa Fonqolchi mootummaa Niijeer keessatti taasifamee booda Humnoonni waraanaa Yuunayitid Isteesi kan baay’inni isaanii 1,100 ta’an haleellaa Fara shororkeessummaaf garasitti bobbaafamanii turan buufata waraana isaanii keessa kan turan torban darbe Peentaagoon ibsa baaseen humnoonni waraanaa hangi tokkoo fi meeshaaleen tokko tokko naannoo buufata xiyyaaraa Niyaameeyii kan magaalaa guddoo Niijeer taaterraa gara Agadeez kan magaalaa Niyaameey irraa fageenya Kiloo meetira 920 irratti argamtutti dabarfamuu beeksiseera.
Jeneeraal Jeemsi Hekeer akka jedhanitti torbaanota kana keessa garee Juuntaa Niijeer waliin waliin dubbii fi wal ta’insi tokko tokko jalqabameeras jedhan.
Buufata keenya kana keessatti yeroof ergama keenya ba’achaa hin turre, dirree xiyyaaraa baay’ees cufaniiru kan jedhan Jeneeraal Jeemsi Hekeer addeemsa dippiloomaasiitiin amma hojjechaa jirra . Ergama keenya kanaan dura hojjechaa turre dhibbeentaa dhibba hojjechaa jirra jechuu hin danda’u , garuummoo ergama guddaa qabnu kan kanaan dura hojjechaa turre hojjechaa jirra jedhan. Ergama keenya ba’achuufis xiyyaaroonni namaan balalii’anii fi nama malee balaali’an torbota darberraa kaasee hojiitti deebi’aniirus jedhan.
Yuunaayitid Isteetsi Niijeer keessatti loltoota biyyattii leenjisuun doolaara miiliyoonootaan lakka’amu baasteetti kan jedhan Jeneeraal Jeemsi haleellaa gara jabeenyaa garee shororkeessitoota leellistoota Islaamummaa biyyoota Afrikaa lixaarraas qolachuu dandeennyyeera jechuun ibasniiru.
Forum