Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Wal-Waraansa Sudaan Dheessanii Itiyoophiyaa Seenan 35,000 Akka Gahan Jaarmayaan Baqattootaa Dubbate 


FAAYILII - Baqattoota Sudaan magaala Matammaa jiran, Caamsaa 5, 2023.
FAAYILII - Baqattoota Sudaan magaala Matammaa jiran, Caamsaa 5, 2023.

Erga walwaraansi Sudaan jalqabee ji’aa Eblaa irraa kaasee baqattoonni fi kolaa galtoonni kuma 35 ta’an Ityoophiyaa seenuu isaanii jaarmiyaan dhaabbata mootumoota gamtoomanii UNHCR ibsee jira.

Dhaabbata mootumoota gamtoomaaniitti Komishiini olaanaa dhimmaa baqattootaa irratti hojjatu ykn UNHCR fi Ityoophiyaatti itti aantuu bakka buutuu kan ta’an Maargaareet Ateenoo akka sagalee Amerikaatti himanitti, namoottaa qubsuma naannoo Amaaraa bakka Kumer jedhamuu fi buufata Sherqollee isaa naannoo Beenishangul keessatti argamuu keessa qubatanii jiran, dhibeentaa 70 lammiilee Sudaan, dhibeentaan 20 lammiilee Eritiraa yemmu ta’an, dhibeentaan Shan immoo lammilee Sudaan kibbaati.

Qubsumaa Kumer issa magaala Matamaatti argamuu fi baqattoonni kuma 10 ta’an dhiheenyaa kana keessa qubatan keessatti dhibeen koleeraa dhalatee namoottan 9 dhibee Kanaan du’anii namoottan dhukubsatan 395 immoo wiirtuu waldhaansa koleeraa keessa seenuu isaanii bakka buutuun UNHCR ibsanii jiru.

Jalqaba Waltii bu’insa naannoo Amaaraa keessatti umamee irratti hojiini fi gargaarsi baqattootaa rakkinaa kessa seenee turus, yeroo ammaa haalaa gaarii irraa akka jiru kan ibsaan bakka buutuun UNHCR, Sagantaan nyaata Adduunyaa fi dhaabbanni misooma Adduunyaa kan Yunaayitid Isteets USAIDn gargaarsaa namoomaa addaan kutuun isaanii baqattootaa miidhaa jiraachuu isaa akka ibsan gabaasni Gebremikaa’el Gebremediihin beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG