Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Balaa Lolaa Liibiyaa Mudateen Du'an 11,000 Ol Gahuun Himame 


Bakka awwaalaa namoota balaa lolaatiin dhumanii, Demaa, Liibiyaa, Fulbaana 15, 2023.
Bakka awwaalaa namoota balaa lolaatiin dhumanii, Demaa, Liibiyaa, Fulbaana 15, 2023.

Yemmuu reenfa namoottan balaa lolaa biyyaa Liibiyaa muudaateen du’anii barbaaduun itti fufee jiru kannatti, sochi gargaarsaa fi barbaachaa reenfaa akka hin gufachiifneef jechaa siviilonni akka gara magaalaa balaa sanaan miidhamte DERNAA hin seenne taasifamee jira.

Miidhaa sababa balaa kanaatiin qaqqabee ilaachisee maddi oduu Assoshiyeetid Prees/APn dhaabata fannoo diimaa libiyaa waabeffachuudhaan akka ibsetti, amma kamisa kaleessatti lakkoofsii namoottan balaa Kanaan dhumanii 11,300 ol gahee jira. Namoonii 10,100 ta’ani immoo amma ammaatti bakka buuteen isaanii akka hin beekamne gabaasnni kun dabalee ibseera.

Minsteerri fayyaa mootummaa Liibiyaa Otumaan Abduljaliil akka jedhanitti, amma ammatti reenfi namoottan 3000 awwaalamee kan 2000 immoo qophaawaa jira.

Kantiibaan magaala Dernaa Abdulmennaan al Gaahaati dhaabataa Televijiinii Arabaatiif akka ibsanitti namoottan balaa Kanaan du’an amma 20, 000 gahuu danda’a.

akkaataa awwaalcha namoottan du’anii hariitidhaan raawwacha jirus, dhaabbanii fayyaa adduunyaa, Feedereshiiniin waldaalee fannoo dhiimaa fi ji’a diimaa,akkasumas waldaan fannoo diimaa adduunyaa ibsa waloodhaan basaniin awwaalchii jumlaa fi haritiidhaan raawwatamaa jiru waan miidhaa seeraa fi miraa qabuuf itti yaadamuu akka qabu hubachisanii jiru.

Dhaabileen fayyaa adduunyaa dhimma kana irratti ogeessota qajeelfamaa fi leenjii kennaan bobbaasu isaanii ibsanii jiru.

Dhaabata mootummoota gamtoomanitti waajjirri gargaarasa namoomaa, lammiilee Libiyaa balaa Kanaan miidhaman kuma 200 fi kuma 50 ta’an gargaaruudhaaf gaafii doolaaraa Miiliyoonii 71.4 dhiheesuun isaa beekameera.

yaaliin gargaarsa Idlee adduunyaa gareewwan gargaarsaa kan Itaalii, Masr, Aljeeriyaa, Tuunisiyaa, Tarkii, Kaataarii fi UAE kan of keesaa qabu yemuu ta’uu Yunaayitid Isteets dhaabilee gargaarsaatiif akka deggersa maallaqaa kennitu Prezidaant Baayiden ibsaniiru.

Daarekteerri dhaabbata fayyaa adduunyaa, Dr. Tewodiroos Adihaanoom dhimma Libiyaa kana irratti ibsaa kennaniin, WHOn buufata isaa Dubaayi keessatti argamu irraa gargaarsaa fayyaa Tooni 28 ta’u gara Liibiyatti erguu isaatii fi gargaarsaa yeroo atattamaatiif kan ooluu maalaqaa doolaaraa miiliyoonii Lama hojii irraa olchuu isaa ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG