Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Hutii ka Yemen Mariif Saudi Arabiyaatti Imale 


Loltoota garee Hutii, Yaman (Suuraa faayilii)
Loltoota garee Hutii, Yaman (Suuraa faayilii)

Jiilli garee biyya yeman keessatti lolaa jiruufi Huutti jedhamee beekamuu akkaataa walwaraansaa waggootaaf taasifamaa jiru xumuruun danda’amu irratti maryachuudhaaf garaa Sa’ud Arabiyaatti imaluun isaa gabaasameera.

Mariin garee Huuttii fi mootummaa Sa’udii gidduutti taasifamuu maal irratti akka xiyeeffatau addaan bahee beekamuu baatus, erga jaarsumaa Chaayinaatiin biyyii garee Huutti degertu Iraani fi Sa’ud Arabiyaan waldhabdee isaan gidduu jiru laafisanii boodaa, gareen Huutti yemmuu garra Sa’udi deemuu inni kun isaa jalqabaa ta’u isaa maddii oduu Ajaans Fraans Prees/ AFP gabaasee jira.

Akka dhaabbanni preesii mootummaa Sa’udiitin geggeesamu jimaataa har’aa ibsetti jiilli garee Huttii namoottan 10 of keessaa qabu kamisaa kaleessaa galgala magaala Riyaad Seenee jira.

Hogganaa muumee mana maree siyaasaa garee Huutti Fiild Maarshaal Mahiiddi al Mashaati karaa dhaabataa oduu biyya yeman SABA jedhamee beekamuun ibsa kennaniin, yaalii nageenya buusuu taasifamaa jiru akka degeran ibsanii jiru.

Walwaraansaa yeman bara 2014 jalqabamee Kanaan gareen Huutti magalaa guddaa biyyatti Sana’aa fi harka caalaa Kaaba biyyaatii qabatee jiraa. Gareen Huutti wagga dheeradhaaf mootummaa Iraaniin kan deggeramaa ture yemmuu ta’u, Iraanii fi Sa’ud Arabiyaan immoo biyyoottan waligaltee hin qabne akka ta’an nibeekama.

Ergaa walwaraansichii jalqabamee as namoottan kuma 100 fi kumni 50n akka dua’n gaabaasame jiraa. Lola kana keessatti mootummaan Sa’udii haleellaa xiyyaaraa Yemen keessatti taasisaa tureen siviilotaa Miidhee jira jechuudhaan himanna fi qeeqinni irratti dhihaachaa ture.

Haala waltidhufeenya nageenyaa mijeesuudhaaf Sa’ud Arabiyaan, gareen mootummaa Sa’udiitiin deggeramuu kan yemanii fi gareen Huutti ji’a Eblaa darbe keessaa waljjijirraa hidhamtootaa ykn booji’amtoota waraanaa taasisuu isaanii AFP gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG