Xurree ittiin seenan

Breaking News

Debra Maarqoos fi Shawaa Roobiit Keessatti Dhukaasii Itti Fufuun Himame  


FAAYILII - Magaala baahir Daar, naannoo Amaaraa, 2020.
FAAYILII - Magaala baahir Daar, naannoo Amaaraa, 2020.

Raayyaa ittiisa biyyaa fi hidhattoota Faannoo giddutti walitti dhukaasii meeshalee gurguddaan deggerame itti fufee oluu isaa, kanneen naannoo Dabra Naaarqoosii fi Shawaa Roobiiti irraa yaada isaanii kennan ibsanii jiru. Walitti dhukaasuun kun, kaleessaa qabee Dabra Maarqoos, Dambacaa, Finoota Salaam, Amaanuu’eelii fi naannoo isaatti akkasumas magaalaa Shawaa Roobiitii fi naannoo isaatti itti fufuu isaa kanneen yaada kennan kun ibsanii, lubbuu namaa irrattis miidhaan dhaqqabu dubbatu.

Walitti Dhukaasii itti fufee kun, hospiitaala rifeeraalaa Dabra Marqoos keessatti tajaajiila qindoomiin qabu kennuu irratti dhiibbaa geesisuu isaa, garu namnii dhukaasa kanaan miidhamee gara hospitaalichaa kan fidamee hin jiru jechuun meediikal Daayreektara kan ta’an Dr.Abuyyee Zallaqaa ibsanii jiru.

Miidhaa dhaqqabe jedhame kana irratti, hogganni mootummaa kan magaala Maarqoos iddoo sana waan hin jirreef jecha deebii gama isaanii argachuun hin danda’amne. Waluumaa gala dhimmi kana ilaalchisee bulchiinsa naannoo Amaaraa fi waajiira koomunikeeshinii mootummaa Feedeeraalaa biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.

Komiishinni mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa Hagayya 19 hanga 30 bara 2015tti keessumaa godiina Gojjaam bahaa maaalaa Dabra Marqoos, godiina Gojjaam kaabaa Addeetii fi maraawwii, godiina Gondar kibbaa Dabra Taaboor, godiina Gondar waaltaa Dalgii, godiina shawaa kaabaa Maajatee, shawaa roobiitii fi Intsoqiyaa akkasumas naannooi gandeen baadiyyaa jiran tokko tokko keessatti, walitti bu’iinsa uumameen siviilonni ykn namoonni nagaa hedduun du’u, ibseera jira jechuun Masfiin Arraagee Dasee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG