Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zimbaabwee Keessatti Filannoodhaa Booda Hidhaa fi Dararaan Akka Itti Fufe Gabaasamaa Jira  


Deggartoota pirezdaantii Zimbaabwee alaabaa paartii deeggaranii qabatanii deeman, Fulbaana 4, 2023.
Deggartoota pirezdaantii Zimbaabwee alaabaa paartii deeggaranii qabatanii deeman, Fulbaana 4, 2023.

Zimbaabwee keessatti filannoon waliigalaa erga gaggeeffamee ji’a tokko yeroo hin guunne keessatti, mormitootaa hidhamuu hordofuun reebichaa fi dararaan raawwatameera himannaan jedhu dhaga’amaa jira.

Pirezidaantiin irra deebiin filataman Emmerson Mnangagwa dhaadannoo “nagaa, jaalala, waldanda’uu fi walii obsuu” jalatti kan dorgoman ta’us, ammas ifatti dubbachuu isaanii itti fufan iyyuu, paartiin mormituu - Tumsa Lammiilee Jijjiirama akka jedhanti, bakka bu’oota filataman dabalatee miseensonni mormitootaa kudhanii ol ta’an, qondaaltonni fi roogeeyyiini to'annoo jala oolaniiru ykn butamanii jiru.

Miseensi paarlaamaa fi miseensa mana maree kan taate Maureen Kademaunga torban darbe himannaa “yaalii ajjeechaa fi qabeenya irra miidhaa hamaa geesisuu ” jedhuun himatamanii mana murtii duratti dhiyaatan jedha abukaatoon isaanii Harrison Nkomoo .

"Waraqaawwan ilaalanii ragaan bakka sanatti irratti dhiyeessan tokkollee akka hin jirre murteessuun. Kanaafis ragaan waan hin jirreef gadhiifamuu qabdi jedhamee murtoo irra ga'ameera jedhan.

Miseensi mana maree naannoo haaraa kan paartii mormituu guddichaa kan Zimbaabuwee, Womberaiishe Nhende fi firri isaa tokko osoo konkolaataa oofaa jiranii namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen haleelamee, konkolaataa keessaa baafamee qawwee e leektriika nama adduchuu itti dhukaafamee sana booda, harka hidhanii konkolaataan fudhatanii sokkan jedhu abuukaatoon waa’ee mirga namoomaa Daaglaas Kooltaart .

Gareen mirga namoomaa waan Zimbaabuwee keessatti ta’u kun haaraa akka hin taane galmeesse illee, prezidaantii haaraa fi paartiin isaanii himannaa dhiyaatu irra deddeebiin haalaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG