Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabsaa'ota Tigraay Duraaniif Kan Oolu Wiirtun Kunuunsaa Baname 


FAAYILIi - Loltoota mootummaa naannoo Tigraay, Maqalee, Waxabajjii 29, 2021.
FAAYILIi - Loltoota mootummaa naannoo Tigraay, Maqalee, Waxabajjii 29, 2021.

Tigraay keessatti lola taasifamaa turee irratti kan hirmaachaa turaniifi kanneen qaamni isaanii miidhame kan itti kunuunsamanu wiirtun Birri Miiliyooni 100 fi Miiliyooni 80n ijaarame tajaajilaaf baname jira.

Wiirtuun gamtessummaa komishiini qabsaa’otaa Tigraay duraanitiin ijaarame kun qabsaa’ota duraanii kunuunsi addaa isaan barbaachisu tajaajiluudhaaf kan olu yemmuu ta’u, buufataa fayyaa, bakka jireenyaa, bakka bashannanaa, warren barcumaa gommaa qabu ykn Wiilcherii fayyadamanuuf kan mijataa ta’e karaa kiiloomeetirii Torba ta’u kan of keessa qabu akka ta’e beekameera.

Wiirtuu kana guyyaa har’aa kan eebisanii banan prezidaantin bulchiinsaa yeroo kan naanno Tigraay obbo Geetacheewu Reddaa haasaa tasisaniin, bulchiisi isaanii fuula duratiis wiirtuuwwaan biroo kan warren lola irratti miidhaman kumaan lakkawaman itti kununsamanu akka ijaaru ibsanii, “kana booddee wantii lubbuu namoottan kumaataman lakkawan balleesuufi miidhaa qaamaa geessisu akka hin umamene haala nageenyaa jabeesuudhaan hojjanaa” jedhanii jiru.

Obbo Geetaachoon haasaa isanii keessatti namoottan qaamni isaanii miidhame kumaan lakkaawaman akka jiran ibsanii lakkoofsaan ammam akka ta’an garuu hin erre .

wiirtuu haaraa ijaaramee kana keessaa namoottan 235 kan qubatan yoo ta’u, namoottan 75 dhiheenyaa kana akka itti makaman kan ibsee gabaasnii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa qindeese, qabsaa’onni naannoo Tigraay duraanii “kunuunsa dhabneerraa” jechuudhaan yeroo jahaa ol hiriiraa bahanii gaafachaa akka turan yaadachiiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG