Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Liibiyaa Lolaan Mancaate Keessatti Jiraattonni Hiriira Mormii Bahan  


Mormii Masjiida funduratti geggeeffame, Dernaa, Liibiyaa, Fulbaana 18, 2023.
Mormii Masjiida funduratti geggeeffame, Dernaa, Liibiyaa, Fulbaana 18, 2023.

Lammileen Libiyaa magaalaa tibbana bala lolaatin miidhamte Dernaa keessa jiraatan haanga’ota mootummaa balaaleffachuudhaan hiriira mormii taasisani jiru.

Jiraattonni magaala Dernaa hiriira mormii Wixata kaleessaa taasisaniin badiinsaa balaa lolaatiin qaqqabe kanaaf haanga’onni mootummaa itti gaafatamummaa akka qaban ibsuudhaan seeraan akka gaafataman gaafatanii jiru.

Mormitootaa keessaa tokko kan ta’e jiraataan magaala Dernaa, “haanga’onni badiinsa sanaaf itti gaafatamaa ta’an too’annoo jalaa oluu qabuu, hogantonni bulchiinsaa magaalichaas warren dandeetti hin qabnedhaa” jechuudhaan dubbachuun isaa gabaasameera.

Magaala jiraattonni kuma 100 ta’an keessa jiraatan irraa balaan lolaa qaqqabee namoottan kumaan lakkaawaman ajjeesee, kaan immoo jireenyaa isaanii irraa buqisee jira. Balaan lolaa kun akka hammaatu kan taasissee hidhii bishaanii lama cabanii bishaan achii keessa jiruu garaa magaalatti dhangala’uu isaatiin yemuu ta’u, hidhaawwan bishaanii kun waggoottan 25 as akka cabaa qabanuu fi gaaf tokkoo balaa geessisuu akk danda’an himamaa akka ture ibsameera. Bulchiisii mootummaa kan Libiyaa bahaa kantiibaa magaalaa Dernaa Abdel Moniim al Gaa’itii dabalatee miseensotaa bulchiinsaa magaala Dernaa hojii irraa uguruudhaan akka qorannoon isaan irratti geggesamu taasissuun isaa gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG