Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaa'ii Mootummoota Gamtoomanii Ka Waggaa Geggeessamaa Jirurratti Hoogganoonni Biyyootaa  Haasawa Taasisan 


Pirezdaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baayden Yaa'ii Mootummoota Gamtoomanii irratti haasaa oggaa dhiheessan, Niiw Yoorki, Fulbaana 19 2023.
Pirezdaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baayden Yaa'ii Mootummoota Gamtoomanii irratti haasaa oggaa dhiheessan, Niiw Yoorki, Fulbaana 19 2023.

Yaa’iin waggaa kan dhaabbata mootumoota gamtoomanii Qibxata har’aa guyyaa lammafaadhaaf itti fufee hoggantonni fi bakka bu’oonni biyyootan adda addaa haasaa taasisuuf jiru.

Hoggantoota biyyootanii har’a akka haasaa taasisan darabeen qabameef keessaa prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden fi prezidaantiin Yuukreen Volodimiir Zeleniskii isaan tokko.

Ergaa Raashaan biyyaa isaanii irratti weerara raawwatee as yeroo jalqabatiif kan yaa’ii wagga kan mootummoota gamtoomanii irratti hirmaachuudhaaf magaala Niwu Yoorkitti argaman, Volodimiir Zeleniskii, hospiitaa magaala Niwu yoorkitti argamuu fi loltoonni biyyaa isaanii warren walwaraansa keessatti qaamnii isaanii miidhamee itti waldhanamaa jiran yemmuu daawwatan akka gabaastotatti yemmuu dubbatan, “ kan nu barbaannu jechii keenyaa, ergaan keenyaa akka michuuwwan keenyaa biratti dhagahama argatuudhaa” jedhaniiru.

Zeleniskiin Roobii borii dhimma biyyaa isaanii irratti walgahii mannii maree nageenyaa taasisu irrattis argamuudhaan yaada isaanii akka dhiheessan ibsameeraa. Mana maree nageenyaa mootumootaa gamtomanii keessatti biyyootan aangoo sagaleedhaan sagalee fudhatama dhabsiisuu qabana Shan keessaa Raashaan tokko akka taate ni beekama.

Walgahii Qibxata har’aa barreesaa muummee dhaabbata mootumoota gamtoomanii, Antooniiyoo Guteress irratti dubbatan kan irratti Prezidaantonii biyya Biraaziil, Tarkii, Iraani fi muummichii minsteeraa Jaappan hasaa taasisu.

Akkasumas, prezidaantonni Kuubaa, Afrikaa Kibbaa, Arjentiinaa, Naayijeeriyaa fi Seenegaala akka dubbatan darabeen qabameefi jira.

Ijoon marii yaa’ichaa inni har’aa , karooraa misooma adduunyaa akka ta’e ibsameera. karoorichii bara 2030 iyyumaa fi beela dhabamsiisuu, umnaa haniisaa namaa hundaafuu akka qaqqabu taasisuu, haala jijjirama qileensaa irraatti tarkaanfii atattamaa fudhachuu fi walqixummaa saalaa beeksisuu akka ta’ee ibsameeraa.

Bareesan muummee dhaabatichaa Antooniyoo Guterees Wixata kaleessa akka jedhanitti karooraa misoma adduunyaa bara 2030 ti hojii irraa oolu qabu jedhaman 17 keessaa amma ammaatti kan raawwatamee dhibeentaa 15 qofa .

Walgahiin addaa dhimmaa jijjirama qileensaa irratti maryatu Roobii borii yemmuu taasifamuu Antooniyoo Guterees walga’icha akka keessumeessan ibsamera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG