Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, hawaasni addunyaa tattaaffii Gamtaan Afrikaa jijjiirama heera mootummaa faallessuu ardii kana irratti taasifamuutti duuluuf taasisu akka deeggaru kibxata kaleessaa gaafataniiru.
Ibsi kun kan kenname ji’a darbe prezidaant Alii Boongoon marsaa sadaffaaf injifachuu isaanii erga labsamee daqiiqaa muraasa booda yeroo angawoonni waraanaa ba’iin filannoo Gaboon haqamuu isaa labsuu dhaan aangoo qabatanii booda,
Baatii Adoolessaa bara 2023 keessa miseensonni waardiyyaa pirezidaantii Niijer Pirezidaantii Mohaammad Baazoum masaraa isaanii keessatti hidhanii televijiinii biyyoolessaa irratti mul'achuun ''haala nageenyaa hammaataa dhufee fi bulchiinsa gaarii hin taane xumuruuf aangoo qabachaa jirra jedhan.
Raamaafoosaan gumii walii gala kan tokkummaa mootummootaa irratti haasawa dhageessisaniin, qabeenyaan Afriikaa kan warra Afriikaa ta’uu isaaf, ardittiin guddina misooma industrii biyyoota badhaadhaniif jecha ba’aa baachuu itti fufuu ishee cimsanii dubbataniiru.
Biyyoota dureeyyii Kaabaa irraa deeggarsa maallaqaa fi dippilomaasii akka argatan waamicha taasisaniin, Raamaafoosaan dubartoonni hedduun caasaa murtii addunyaa keessatti walqixa akka hirmaatan humna argachuu akka qabanis dabalaniiru.
Forum