Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Naayijeeriyaa Qajeelfamni Dimoktaatawaan Niijeer Keessatti Akka Deebi’u Gargaaruuf Qophii Tahuu Dubbatan


Prezidaantii Naayijeeriyaa Bola Tinbuu Abujaa, Naayjeeriyaa, Caamsaa 29, 2023.
Prezidaantii Naayijeeriyaa Bola Tinbuu Abujaa, Naayjeeriyaa, Caamsaa 29, 2023.

Baatii Adoolessaa keessa kan geggeessame fonqolcha mootummaatti aansee biyya holllaa keessa kan jiru rakkoolee siyaasaa fi dinagdee furuuf, sirna heeraa deebisanii hundeessuuf fedhii qabaachuu akkasumas adeemsa isaaf deggersa ta’u kamiinuu gammachaan kan simatan ta’uu prezidaantiin Naayijeeriyaa Bola Tinbuu kibxata kaleessaa jechuun Fulbaana 19 dubbatanii jiran. Tinuubuun Juntaa waraanaa Niijer waliin mari’achuuf yaalaa kan ture dura taa’aa ECOWAS. ECOWAS yaaliin diplomaasummaa yoo hin milkaa’in hafe sirna heeraa bakkatti deebisuuf loltoota bobbaasuuf qophii ta’uu ibse.

Tinuubuun haasaa gumii walii galaa kan tokkummaa mootummootaa Niw Yoork keessaa irratti haasaa dhageessisaniin, fonqolcha waraanaa waggoota muraasa darban keessa Afrikaa Dhihaa keessattti babal’atee fi yeroo tokko tokko lammiileen itti gammadan qeeqaniiru.

Murtiin baatii Hagaya keessa ECOWASn irra ga’ame kan humna waraanaa eeggataan jidduu seenuu jedhu, lootee seentummaan raafamaa jiru naannoo Saahel daran jeequu mala yaaddoo jedhu uumee jira. Juntaan Niijeer keessaa baatii darbe doorsisa haleellaa hammaataa dhufe jedhe tuquu dhaan humnoonni isaa waraanaa of eeggannoo guddaa akka taasisu ajajee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG