Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Naannoo Amaaraa Keessaa Hojii Daldalaa Irratti Dhiibbaa Uume Jedhu Jiraattonni


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa

Walti bu’iinsii naannoo Amaaraa keessatti adeemaa jiruu, sochii diinagdee naannichaa fi kan guutummaa biyyatti irratti raakina cimaa umaa akka jiru naanicha keessatti namoottan hojii daldalaa irratti bobba’anii jiran ibsanii jiru. Namoottan hojii daldalaa irratti hirmaachaa jiranuu fi magaala Baahir daar keessatti argaman akka sagalee Amerikaatti himanitti, waltii bu’iinsa naanicha keessaa jiruun kan ka’ee, daandiwwan waan cufamani fi jiraattonni tasigabbii qorqalbii waan hin arganeef hojiin daldalaa dukkana keessaa seenee jira.

Namoottan yaada isaanii sagalee Amerikaatiif kennaan keessaa tokko kan ta’an dhaabbata dhimma dinagdee fi maallaqaa irraatti gorsa kenuufi “Wiil Konselt” jedhamu kan hogganan obbo Yirgaa Tesfaayee, Konkola’achiftoonni mi’aawwan adda addaa fe’anii garaa naannoo Amaraa deeman karaa irratti dhaabsifamanii garee hidhattootaatin kaffaltii birri kuma 40 ti amma kuma 50 akka gaafataman sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Namoottan hojii daldalaa adda addaa irratti bobba’an biroos, rakkinni diinagdee naaoo Amaaraa keessatti muudatuu, rakkina guutummaa biyyatti waan ta’eef mootummaanifi gareewwan walwaraansa irratti hirmaachaa jiran, rakkoo jiru karaa waraanaatiin ittu hin ta’in akka karaa nagaatin xumuran gaafachuu isaanii gabaasni Asteer Misgaanaawu Baahirdaar Irraa sagalee Amerikaatiif ergite ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG