Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Gambeelaa Keessatti Baqattoonni 30 Ta’an Akka Du’an Ibsamee Jira


FAAYILII - Baqattoota Suudaan Kibbaa Gaambeellaa jiran, Onkoloolessa 24, 2017.
FAAYILII - Baqattoota Suudaan Kibbaa Gaambeellaa jiran, Onkoloolessa 24, 2017.

Baqattoota naannoo Gambeelaa keessa qubatanii jiran keessaa dhabiinsa nyaataatin kan ka’e namootan 30 kan ta’n du’uu isaanii Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Akka Ibsi Komishiniin mirga namoomaa Itiyophiyaa jedhetti, namoottan kun kan du’an sababa beelaa, nyaataa soraata qamaatif ta’u dhabuudhaan, akkasumas yemmuu nyaata barbaachaa mooraa isanii keessaa bahani deman ajjeechaa isaan irratti raawwatamuuni. Komishiinichii halaa gargaarsa namoomaa mooraalee baqattootaa Nigu’enye, Tirkiidii fi Kuullee jedhaman keesatti hagayyaa 21 amma 23 bara 2023 keessa qorannoo taasiseen dhimmaa kan irra gahuu isaa ibsee jira. Mooraalee kana keessasi namoottan kuma 400 ta’an akka qubatan beeksiseera.

Komishiinichii ibsaa guyyaa kaleesaa baasee kanan uggurri nyaata gargaarsaa irratti taasifame baqattootaa Itiyoophiyaa keessa bakka adda addaa jiran irratti miidhaa cimaa geessisaa jira.

Sababumaa Kanaan, mootummaan Itiyoophiyaa, dhaableen gargaarsaa keessumaa, dhaabbanni misooma adduunyaa kan Yunaayitid Isteets/ USAID fi dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sagantaan nyaataa WFPn ugurri raabsa midhaan nyaataa irraa kaa’amee kaasuudhaaf saffisaan akka hojjatan gaafateera.

Akkaataa gargaarsa midhaan nyaataa addaan cite jiru deebisanii itti fufuu irratti ji’a darbe keessa ministeerri dhimma alaa Yunaayitd Isteets Antoonii Bilinkeni fi muummichii ministeeraa Ityoophiyaa Abiy Ahimed halla sirna raabsaa nyaataa fooyyesuudhaan akka dhiheenyatti raabsii nyaataa itti fufu qabu irraati bilbilaan haasa’uu isaani gabaasnii Kenedii Abaatee yaadachiiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG