Jeneraalli ol aanaan waraana Sudaan fi hogganaan garee biyya bulchaa jiruu Abdel -Fattah Burhaan yaa’ii motummoota gamtoomanii irratti hirmachudhaaf Roobii kaleessaa magaala Niwu yoork seenani jiru.
Biyya ji’oottan shanan darbaniif walwaraansa hamaa keessa jirtuu Sudaaniin kan hogganaa jiruu partii “mana maree walaboomee” jedhamee beekamuuf dura taa’aa kan ta’a Jeneraal Abdel-Fattah Burhaan jiila garee isaanii hogganuudhaani kan gara Niyoorkitti imalan.
Akka mannii maree isaaniin hogganamu ibsetti Abdul-Fattah Burhan biyya isaanii bakka bu’udhaan ya’ii mootummoota gamtoomanii irratii haasaa taasisu.
Gareen Jeneraal Burhaan umnii waraana biyyaalesaa Sudaan Ebila 15 bara 2023 kaasee garee umnaa waraana dafee qaqqabaa isaa Jeeneraal Mohaamad Hamdaan Dagaalootin durfamuu wajjiin walwaraansaa keessa seenanii biyyatti irratti miidhaan qaqqabaa jiraachuun isaa ni beekama.
Sudaanitti bakka bu’aa dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan turaniifi torban darbee itti gaafatamummaa isaanii gad lakkisuu isaanii kan ibsan Volkeer Pertees akka ibsanii , sababa walwaraansichaatin kan ka’e amma ammaatti, namoonni kuma Shan ta’an du’anii kumaa 12 kan ta’an immoo madaa’aniiru.
Walwaraansaa Kanaan walqabatee miidhaan qaqqabe isaa kanaa olti ibsamee ol akka ta’e gabaasaaleen adda addaa ibsanii jiru.
Forum