Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Nageenya Biyya Tuuniisiyaa Godaantota Magaalaa Keessaa Ari’achaa Jiru


Godaantota gara odola Lampedusaa geeffaman, Xaaliyaanii, Fulbaana 15, 2023.
Godaantota gara odola Lampedusaa geeffaman, Xaaliyaanii, Fulbaana 15, 2023.

Godaantonni kumaatamaan lakkaawaman magaalaa Tunisiyaa Sfax keessa turan umnaan haryatamanii daahoo malee akka jiran hojjattonni gargarsa namoomaa beeksisanii jiru.

Godaantotaa biyyoottan Afrikaa adda addaa irraa garaa biyyaa Awurooppaatti imalanuuf bakka ga’uumsaa fi ka’uumsaa magaalaa ta’e Sfax fi naannoo isaa keessa kan qubatanii turan namoottan kuma Sadii ol ta’an, umnoottan nageenyaa mootummaa Tuniisiyaatiin haryatamani bakkaawwan magalicha irraa kiiloo metirii 30 gaara kaabaatti fagaatanii jiranuufi Jebiniyaanaa fi Amraa jedhamanitti moggaa galaanaatti gaaddisa muka meexxii jala akka qubatanii jiran gabaasnii AFP ibsee jira.

Jalqaba ji’a Fulbaanaatii kaasee haanga’onni mootummaa Tunisiyaa godaantota kanaaf gargaarsaa nyaata kennuu waan dhaabaniif namoottan 1800 ta’an garaa badiyaaleetti faffaca’uudhaaf dirqamanii jiru.

Fulbaanaa 17 bara 2023 umnootan nageenyaa mootummaa Tunisiyaa godaantotaa 500 ta’an konkola’ataatti fe’uudhaan,akka magaala Sfax keessaa baasan ifatti beeksisanii jiru. Akka gareewwan gargaarsa namooma jedhanitti godaantonni biyyootan Afrikaa uffee saraa gadii keessaa garasitti imalan kuma Lama ta’an umnoottan nageenyaa mootummaa Tunisiyaatiin haryatamanii gara gammoojii daangaa Liibiyaa fi Aljeeraa ti argamutti dhiibamaniiru.

Adoolesaa 3 baraa 2023 magaalaa lammaafaa Tunisiyaa Sfax keessatti jeequmsa godaantotaan walqabatee umameen namoottan 27 ta’an du’anii, 73 immoo bakka buuteen isaanii hin beekamne. Hedduun immoo magaalicha keesaaa haryyatamaniru.

Waardiyaan daangaa biyyaalesaa Tuunisiyaa sochii godaantota daddabarsuu 117 fashaleesuu isaafi godaantota 2,507 baraaree, namoottaa godaantotaa karaa seeraan alaa gara biyyoottan birootti daddabarsan 62 too’annoo jala oolchu isaa akka ibse gabaasinni Ajaans Fraans Prees/AFP beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG