Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishiina Mirga Namaa Itiyoophiyaa fi Kan Addunyaan Gabaasa Qorannoo Qophaa’eetu fudhatama Qaba: Dr. Daani’eel Baqqalaa


FAAYIILIi - Komishinarri olaanaan Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Daani'eel Bekele, Sadaasa 15, 2019.
FAAYIILIi - Komishinarri olaanaan Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Daani'eel Bekele, Sadaasa 15, 2019.

Komishinarri olaanaan Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Daani'eel Bekele gabaasa qorannoo waloo waajjira isaanii fi Waajjira Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa kan Tokkummaan Mootummoota qopheesse haqa, dhugaa fi beenyaa miidhamtootaaf bu'uura ta'ee akka tajaajilu ibsaniiru.

Dr. Daani’eel walgahii 54ffaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa kan Tokkummaa Mootummoota isa Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa jiran yoo ta’u, gabaasnii dhiyaate, qorannoo lafa irratti gaggeeffamee tokkicha, jedhan.

Itti aantuu komishinarri olaanaa kan koomiishiina mirga namoomaa Itiyoophiyaa Rakeeb Massala RSAf akka himanitti, gabaasa Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa kan Addunyaa Itoophiyaa irratti baasan, Ugaandaa irraa waan hordofaniif jecha fageenyaan daangeeffamaa dha jedhan.

Kana malees, gabaasa waloo qofatu mootummaa Itiyoophiyaa biratti fudhatama argatee, yaadni isaa hojiirra oolaa jira jette.

Komiishinni sadarkaaa ddunyaa kan hayyoota waa’ee Itiyophiyaa qoratanii akka jedhutti, qorannoo seera qabeessa ta’e fi ragaan amanamaa ta’e hin jiru jechuun Itoophiyaa qeeqeera. Jalqaba torbee kanaa gabaasa baaseen Itoophiyaa keessatti yakkoonni waraanaa fi yakkoonni dhala namaa irratti raawwataman ammallee gaggeeffamaa akka jiran ibseera.

Gama kaaniin, Lammiileen nagaa Oromiyaa keessatti haala sarbama mirga namoomaa waggootaaf mudachaa turaniiru jechuun OLLAAn ibsa baaseen hubachisee jira. kana keessaa muraasa isaa galmeessee jira, garuu xiyyeeffannoo tokkollee hin kan hin arganne hedduutu jira jedha.

Komishiniin Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa kan waa’ee Itoophiyaa qoratu qofaatu qaama dhugaan walaba ta’e yeroo ammaa dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessattigalmeessejedha OLLAAn.Galmeessanii ka’an malee adeemsa ce’umsaa haqaa keessatti sarbamiinsii seeraa furmaata argachuu hin danda’u, kanaaf kun ergama murteessaadha jedhee jira.

Dhiheenya kana garee mirga namoomaa Hiyumaan Raayitis Waach dabalatee dhaabbilee biroo 60 ol ta’an waliin ta’uun yeroon hojii komishiina addunyaa akka dheereeffamu waamicha dhiheessineerra kan jedhu Ibsii OLLAAn, maaliif murteessaa akka ta’ee ibsinee jirra jedha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG