Biyyi Ferensaay dipilomaatota fi loltootaa ishee biyyaa Niijeer keessa jiraan baasuudhaaf murteesuu ishee Prezidaantiin biyyatti beksisaniiru.
Prezidaantiin Ferensaay Imaanu’eel Maakiroon Dilbata kaleessaa ibsaa Televijiini Biyyaa isaaniitif kennaaniin, Nijeeritti ambaasadara biyyaa isaanii kan ta’an Siyilivaan Ittee fi dipiloomaatonni biyyaa isaanii Nijeer keessa jiran Sa’aatiiwan gabaabaa keessatti akka bahan ibsanii, loltoonni biyyaa isaanii Niijeer keessa qubatanii jiran immoo Suuta suutaan akka bahan beeksisaniiru.
Imanu’eel Makroon Niijeer keessatti ergaa fonqolchii anngoo Raawwatee loltoonni mootummaa qabatanii ji’a lama booddee ibsa kennan kana keessatti walgalteen waraanaa Ferensaay fi Niijeer Gidduu tures addaan kutamuu isaa ibsaniiru.
Jalqaba ji’a kanaa Imanu’eel Maakroon Ibsaa kennaniin ambaasadarri fi hojjaattonni Embaasii biyyaa isaanii loltootaa Niijeriin akka hin sochoonii waan uguramanif nyaataa loltoota biyyaa isaanii Nyachaa akka turan dubbachuun isaanii ni beekama.
Ferensaay dhimma lola garee Jihaadistootaa kutaa Saahiil keessa socho’aa jiranuu wajjin walqabatee loltoota ishee 1500 ta’an akka Niijeer keessaa tursiiftu ibsitee jirti.
Ibsaa prezidaantii Ferensaay kan hordofuudhaan mootummaan loltootaa Niijeer, Dilbata kaleessaa ibsa battalumaan kenneen, guyyichii walabummaa Nijeer ilaalchisee, guyyaa seena qabeessaa ta’eedhaa jechuudhaan faarsuun isaa gabaasameera.
Forum