Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerri Ittisaa Yunaayitid Isteetis Afriikaa Daawwataa Jiru


Ministirri Ittisaa Yunaaytid Isteets Looyid Osteen gita isaa Keeniyaa Adeen Duwal waliigaltee tumsa ittisa biyyoota lamaanii erga mallatteessanii booda suuraa ka’aan, Naayiroobii, Keeniyaa, Fulbaana 25, 2023.
Ministirri Ittisaa Yunaaytid Isteets Looyid Osteen gita isaa Keeniyaa Adeen Duwal waliigaltee tumsa ittisa biyyoota lamaanii erga mallatteessanii booda suuraa ka’aan, Naayiroobii, Keeniyaa, Fulbaana 25, 2023.

Ministeerri ittisaa mootummaa Yunaayitid Isateets Looyid Osteen ergaa aangoo qabatanii as dawwaanaa yeroo jalqabaatiif Afrikaatti taasisaniin Wixata har’aa gara Keeniyaatti imalanii jiru.

Looyid Osteen kan gara keeniyaatti imalan, waa’ee nageenyaa fi waa’ee lola farra shororkeessumaa irratti taasifamaa jiru ilaalchisee haanga’ootaa ittisaa wajjin maryachuudhaaf akka ta’e kan ibsamee yemmuu ta’u, garaa keeniyaatii imaluu isaaniitin duratti, bakka buufata waraana Yunaayitid Isteets isaa Jibutti keessatti argamuu daawwachuudhaan loltoonni biyya isaanii achii jiran, keessumaa yemuu walwaraansi Sudaan jalqabamee dipilomaatotaa fi Lammilee Yunaayitid Isteetis Sudaan keessaa baasuu dhaaf shooraa isaan taphataniif galateeffataniru.

Oosteen ibsaa Dilbata kaleessaa kennaniin tarkaanfi loltoonni Somaliyaa garee al shabaab irraatti fudhachaa jiruu fi milkaa’ina argachaa jiruuf galata dhiheessani jiru.

Looyid Osteen daawwaanna isaani kanaan prezidaantii Somaliyaa Haseen Shek Mohaamud wajji Jibuutii keessatti wal arganii akka maryatanii fi Prezidaantii Jibuutii fi ministeeraa Itiisaa biyyatti wajjins akka marii taasisan beekameeraa.

Marii haanga’ootaa jibutii waliin taasisaniin, waraanni Yunaayirid Isteets achi qubatee, akka lola garee Shororkeesitootaa irratti taasisamu qindeesuu gargaaruu isaaniitiif galateefatanii jiru.

Haalumaa walqabateen hogganaan garee waraanaa dhuunfaa kan biyyaa Raashaa fi Waagineer jedhamee beekamuu erga du’ee ji’a tokkoo ta’us ammayyuu loltoonni Waaginer Afrikaa keessaa bahu isaaniitiif wanti beekamuu akka hin jirree kan ibsani haanga’onni waraanaa Yunaayitid Isteets, umnoottan waraanaa biyyaa isaanii, Niijer keessa jiran 1000 ta’an bakka Kanaan duraa turan jijjiruudhaan achumaa biyyatti keessa akka turan beeksisuun isaanii dabalataan gabaasameera.

Forum

XS
SM
MD
LG