Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akkaataa Nuti Du’a Firoota Keenyaa Dhageenye Nu Gaddisiise: Maatiin Loltoota Waraana Naannoo Tigiraay  Irratti Wareegamanii


FAAYILII - Loltoota Tigraay, Maqalee, Waxabajjii 30, 2021.
FAAYILII - Loltoota Tigraay, Maqalee, Waxabajjii 30, 2021.

Loltoota humnoota naannoo Tigiraay waraana kaaba Itiyoophiyaatti mootummaa Federaalaa waaliin taasifama turerratti du’an haalli itti maatii fi firootatti himamaa jiru rakkoo qaba jechuun maatiin tokko tokko qeeqa dhiyyeessaa jiru.

Maatiin loltoota humnoota naannoo Tigiraay kan wal waraansa sanarratti wareegamanii Sagalee Ameerikaatti akka himanitti du’a ijoollee ykn fira isaanii karaa al kallattii ta’en hiriyyoota isaaniifaarraa dhaga’aa akka jiran himaniiru. Bulchiinsi yeroo kan naannoo Tigiraayis dhimma kanarratti beeksisa akka baasu gaafataniiru. Abbaan tokko Sagalee Ameerikaatti akka himanitti amma yeroon isaa dheeraa ta’eera maaltu akka ta’eeru dhaga’uu barbaadnas jedhan. Sirna Eebba gamoo loltoota humnoota Tigiraay duraanii kan tibbana taasifame irratti Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay Obbo Geetaachoo Reddaa dubbii dubbataniin mootummaa Federaalaa waliin ta’uun waraana taasifamaa turerraatti miidhaawwan qaqqabaniiran yeroo dhiyootti beeksisuuf akka jiran himaniiru jedha gabaasni Muluugeetaa Atsibahaa Maqaleerraa erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG