Qorannoon Hooggantoota biiroo fayyaa naannichaa fi yuunivarsiitii Maqalee waliin gaggeeffameen naannicha keessatti yeroo ammaa du’a namootaaf beelli sababa isa ijoo ta’uu fi kunis dhiibbeentaan yommuu kaa’amu dhibeentaa 68 irra ga’uusaa ifoomsaniiru jedha gabaasni Assooshiyeetid Pirees.
Qorannoo manaa manatti deemame gaafatamee aanaa Sagal fi buufatalee namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’an 53 keessatti hagayya 15 hanga 29 bara 2023 tti taasifameen argannoo argamedhas jedhameera.
Akka qorannoo kanaatti gargaarsi midhaan nyaataa dhaabbata gargaasaa Idil Addunyaa Yuunaayitid Isteetsi “USAID “fi dhaabbata mootummoota gamtoomaniin taasifamu sababa midhaan gargaarsaaf ergameeru hatameera jedhuun addaan cituun isaa sababa ijoo ta’uus eereera.
Naannoo Tigiraay keessatti duuti namootaa sababa beelaan ji’a Bitootessaa keessa 159 irra ture erga gargaarsi midhaan nyaataa dhaabbatee Ji’a Adooleessaa keessa dachaa lamaa oliin dabaluun 305 irra ga’uus qorattoonni kunneen ifoomsaniiru.
Beelli naannoo Tigraay keessatti bal’inaan kan mul’ate yeroo yeroo wal waraansi mootummaa Federaalaa fi humnoota Tigiraay gidduutti taasifamaa turetti yommuu ta’u mootummaan Federaalaa tajaajiloota naannoo Tigiraay keessaa fi hulaawwaan gargaarsi ittiin seenu cufuu isaatiinidha. Gareen ogeessota dhaabbata mootummoota gamtoomaniis yeroo sanatti mootummaan Federaalaa beela akka meeshaa waraanaatti fayyadameera jechuun qeeqaniiru. Mootummaan Federaalaa Itiyoophiyaa garuu himannaawwan akkasii irratti dhiyaatan haalaa tureera.
Walii galteen waraana dhaabuu ji’a Sadaasaa keessa mallatteeefame naannoo Tigiraay keessatti gargaarsi namoomaa akka dhaqqabuuf abdii guddaa kaa’ee turus , midhaan gargaarsaaf garasitti rgameeru hatamuun gurgurtaaf gabaarra ooluu isaatiin gargaarsi midhaan nyaataa akka adda citu taasifameera. Bulchiinsi mootummaa Yeroo kan naannoo Tigiraay dhimma midhaan hatameerurratti qorannoo gaggeessen midhaan hatameeru meetiriik toonii 7000 argachuu isaa fi sababa kanaanis angawoonni 480 to’annaa jala oolfamuu isaanii ibsa kenneen beeksiseera. Gama mootummaa Federaalaan midhaan hatame jedhame akka qoratu waadaan galamus hanga ammaatti bu’aan qorannoo midhaan gargaarsaa hatame jedhamee hin ifoomsamne.
Forum