Sudaan gama bahaa buufata namoota waraana Sudaan keessaa baqatanii jiran keessatti dabalatee weerarri dhukkuba Koleeraa fi Dangii ka’eera jedhe dhaabbanni Fayya Addunyaa.
Dhaabbanni Fayyaa Addunya Kibxata har’aa akka ifoomsetti baha Sudaan buufata namoonni kumootaan lakkaa’aman waraana baqaaf keessa jiraatan keessatti dhukkubni Koleeraa fi Dangii ka’ee namoonni 162 kanneen dhukkuba Koleeraatiin qabaman Hospitaala Qadaariif keessatti yaalamaa jiraachuu fi kanneen Kudhan ta’animmoo naannoo daangaa Itiyoophiyaarratti dhukkubuma Koleeraa kanaan du’uu isaaniif ifoofseera. Waldaan gargaarsaa Doktoroota daangaa maleeyyii buufata yaalii namoota Weerara Koleeraan qabamaniif lama Hospitaala Qadaarif keesstti banuu isaa ifoomseera. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti Ejeensiin gargaarsa baqattootaas achuma Hospitaala Qadaafir keessatti bakka namoonni weerara Koleeraan qabaman itti adda baafaman qopheessuus beeksisaniiru.
Bara 2017 weerarri Koleeraa Sudaan keessatti ka’ee ture yeroo ji’a lamaa keessatti yoo xiqqaate lubbuu namoota 700 galafaateeru namoonni 22,000 ta’animmoo dhukkubichaan qabamanii yaala argatanii fayyaniiru.
Biyya ollaa Itiyoophiyaa keessatti weerrarri Koleeraa bara 2022 irratti kan ka’eeru namoota 20,000 qabatee lubbuu namoota 270 immoo du’aaf saaxileera jedha Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa. Kunis Itiyoophiyaa naannolee torba dabalatee biyya Sudaan naannoo daangaattis miidhaa qaqaabsiisuu isaa dhaabbanni Fayya Addunyaa eereera.
Akka gabaasa dhaabbata fayyaa Addunyaatti namoonni 500 dhukkuba dangiin qabamuun shakkamanii adda baafamaniiru baay’een isaanis achuma naannoo magaalaa Qdaariif keessatti argamus jedheera. Dhukkubni Dangii dhukkuba Vaayirasii bookee busaan daddarbu ta’uu fi lakkoofsi namoota dhukkuba kanaan qabamanii kana caaluu akka maludha , kunis namoonni yeroo baay’ee mana yaalaa deemurra qorichoota mana keessatti fayyadamuu malu jedha dhaabbanni fayyaa Addunyaa.
Waldaan Doktoroota Fayyaa Sudaanimmoo baha Sudaan keessatti namoonni dhukkuba Dangiin qabamaniirandhibbootan lakkaa’aman du’aniiru jedhanii rakkoon fayyaa biyyattii mudachuu ibsaniiru. Hospitaalli Qadaarifis dhukkubsattootaan dhiphachuu isaas ibsaniiru.
Waraanni Sudaan keessaa ammayyuu akkuma itti fufee jirutti yommuu jirutti weerara dhukkubootaan alattis Roobni cimaan ji’a Adooleessaarraa kaasee naannoolee biyyattii torba keessatti roobu balaa lolaa uumuun manneen 13,000 ol kan diigee fi jireenya namoota 72,000 balaarra buuseera jedha gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti kan waajjira qindoomina dhimma namoomaa OCHA.
Forum