Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaliitti Filannoon biyyaaleessaa kan bulchiinsa siivilii jedhamee abdatamee ture ammas yeroo hin beekmanetti darbe


FAAYILII - Loltoota Maalii eegumsarra jiran, Kaatii, Maalii, Bitootessa 30, 2012.
FAAYILII - Loltoota Maalii eegumsarra jiran, Kaatii, Maalii, Bitootessa 30, 2012.

Maalii keessatti gareen Fonqolcha mootummaan aangoo qabateeru ji’a onkoloolessaa dhufu keessa filannoo biyyaaleessaa taasisuun aangoo gara warra siiviliitti dabarsuuf karoora qabameefii ture dabarsuu ifoomse.

Gareen Juuntaa Maalii bulchaa jiru wiixata kaleessaa akka ifoomsetti filannoon pireezidaantummaa ji’a Onkololeessaatti qabamee ture akka tursiifaamu dha.Akka karoora Filannoo qabameefiitti silaa Onkoloolessa gaafa 4 fi 18 bara 2024 tti guyyaa sagalee kennuuf qabameefi sababoota rakkoowwan Teekinikaaf jecha akka dabarfamu taasifameera jedhan dubbii himaan garee mootummaa Juuntaa Maalii Abdullaayyee Maayigaa ibsa kennaniin. Sababoota akka yeroon filannoo dheeratu taasifameefii keessaa inni tokko dhimma heera biyyattii irratti fooyya’anisa taasiisuuf hojjetamaa jiruu fi dhaabbata Faraansaay kan Ayiideemiyaa jedhamu lakkoosa uummataa taasisuuf fudhateeru waliin rakkoo jiruun wal qabatas jedhaniiru. Garuummoo ibsa isaanii keessatti guyyaan Filannoo biyyaaleessaa inni itti aanuu yoom ta’uu akka danda’u hin eerre.
Maalii keessatti loltoonni biyyattii bara 2020 fi 2021 tti wal duraa duubaan fonqolcha mootummaa taasisan dhumarra bara 2022 ji’a Onkolooleessaa keessa filannoo qaamolee seera tumanii akka taasisan waadaa seenanii ture. Garuu gareen Juuntaa Asimii Gotaan durfamu dhuma bara 2021 tti sagantaa yeroo isa garee biyyoota diinagdee Afiriikaa Lixaaf seene sana kabajuu akka hin dandeenye beeksiisee , akka sababattis haaromsa taasisuuf yeroon dabalataa akka barbaachisu eeruun isaa ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG