Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakiroon looltonni isaanii Niijeeriin gadhiisaanii akka ba’an dilbata dabarsine kana kan ifoomsan. Gareen Juuntaa Niijeer fonqolchaan aangoo mootummaa qabateerummoo , “kun adeemsa abbaa biyyummaa keenyaaf tarkaanfii tokko agarsiisa” jedheera. Jiraattonni Magaalaa Ni’aameeyii murtee Faransaay fudhatte kana gammachuun fudhanna jedhanii Niijeeriif Injifannoodha jedhaa jiru. Tanko Kaarim jiraataa magaalaa Ni’aameey kan ta’e taphicha moo’anneera isa kolonii Firaansi ofirraa kaasuu, Ambaasaddar Firaansi biyyaa kanaa ba’uun injifannoodha jedha.
Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon dilbata darbe ibsa kennaaniin loltoonni biyyi isaanii Niijeer keessaa qabdu Ambaasaddara ishee biyyattii keessa jiru dabalatee akka baastu ifoomanii ture. Kanas kan taasifnuuf gareen juuntaa Nijeer pireezidaantii karaa dimokiraatawaa filatamee aangoorra jiru humnaan fonqolchuu isaanii hordofeeti jedhaniiru. Ibsa isaanii hordofee gareen Juuntaa Niijeer kan fonqolcha mootummaan aangoo qabateeru ibsa baaseen kun adeemsa abbaa biyyummaa keenyaaf tarkaanfii tokko jedheera.
Faransaay biyyoota Afiriikaa Lixaa Nijeer dabalatee Maalii fi Burkinaafasaa keessatti ergama garee leellistitoota Islaamummaa kan Jihaadistiin loluuf loltoota ishee bobbaasteettu Niijeer keessaa Loltoota 1500 qabdi. Garee Juuntaa Niijeer kan fonqolcha mootummaan aangootti ba’eeruuf beekamtii kan hin kennine Faransaay gareen Juuntaa kun erga aangootti dhufee kaasee loltoota ishee fi Ambaasaddara ishee biyyichaa akka baastu akeekkachiisaa tureera.
Jiraattuun n Magaalaa Ni’aameey hojjettuu dhaabbata mit- mootummaa kan taate Naa’oomii Biintaa immoo Faraansaay biyya kana koloneeffattee waan turteef mirga namaa dhiibuudhaan isuma of jalatti tikfachuu barbaaddi jechuun ibsititeetti
Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maarkoon ibsa isaanii keessatti dippiloomatoota dabalatee mooraa Imbaasii keessaa akka hin baaneef garee Juuntaa Niijeeriin ittisamuu isaaniitiin nyaata humna loltootaa fayyadamuun lubbuun oolaniiru jedhan. Wal dhabdee fi wal gareeffannaan Faraansaayii fi garee juuntaa Niijeer gidduu torbanoota erga turee booda gareen Juuntaa Niijeer kan fonqolcha mootummaa taasiseeru balallii qilleensaa xiyyaaroota Faraansaay kan daldalaas ta’e kan humna waraanaa cufaa akka taasisu erga ibseen booda kan Imaanu’eel Maakroon ibsa kennan.
Forum