Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Ayyannii Amantii Lama Walfaana Kabajamaa Jira


AYYAANA GUBAA FINFINNEE
AYYAANA GUBAA FINFINNEE

Namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman jala bultii ayyaana Masqalaa Damaraa jedhamuun beekamuuf, garaa magaalaa Finfinnee waltajjii Masqalaatti walitti qabamuun kabajuu jedhamee eegama.

Damaraan guubuun waltajjii beekamaa Masqalaa irratti halluu adda addaatiin faayamee kabajama. Kunis, waan jala bultii ayyaana Masqalaa Itiyoophiyaaf raawwataman keessaa isa tokko.

Ayyaanni Damaraa waggaa waggaan waltajjii Meskel irratti kabajamu kun ayyaana guutuu biyyattii keessatti kabajamu hunda keessaa, isa guddaa ta’ee namoota naannoo fi turistoota baay’inaan hirmaachisuu dha.

Poolisiin magaalichaa "ayyaanni kun haala sirriifi nagaan akka kabajamuuf" qophii eegumsa nageenyaa bal'aa ta'e beeksisee jira.

Muslimoonni Itiyoophiyaas guyyaa dhaloota Nabiiy Mohammad ykn Mawlid al-Nabii 1498 ffaa har’a kabajaa jiru.

Keessumattuu guyyaan kun magaalaa Finfinnee keessa kan jiru Masjiida Anwaar guddicha keessatti, bakka hayyoonni amantaa, jiraattonni magaalichaa fi qondaaltonni mootummaa argamanitti, qophiiwwan amantaa adda addaatiin kabajamee jira jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG