Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gondar Kaabaa Keessatti Sababaa Beelaan Namoonni Du’uu Gabaafamee Jira


FAAYILII-GONDAR
FAAYILII-GONDAR

Gargaarsi nyaataa sagantaan nyaata addunyaa(WFP) fi jaarmayaan misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaaytid Isteetis (USAID kennan, baatii waxabajjii darbe addaan cituu hordofuun, Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina Gondar kaaba keessatti, yoo xiqqaate namoonni 32 beelaan du’uu bulchiinsi naannoo Sanaa beeksise.

Dubbi himaan bulchiinsa godinaa obbo Yirgaa Sisaay RSAf akka himanitti, erga gargaarsi addaan cituu labsamee as, lubbuun namootaa du’aanII dabalaa dhufeera.

Uggurri kun namoota 800,000 ol godiina sana keessatti gargaarsa nyaataa irratti hirkatanti irratti dhiibbaa kan uume yoo ta’u, irra caalaan isaa sababa caamaa fi walitti bu’iinsa Ityoophiyaa gama kaabaa keessa jiru irraa kan ka’e ta’uu ibsaniiru.

Akka dubbi himaan kun jedhanitti amma namoonni 200, 000 ol gargaarsa hatattamaa kan lubbuu baraaruu barbaadu.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Fayyaa kan Tigraay, Biiroo Fayyaa Tigraay fi Yuunivarsiitii Maqalee keessatti, Kolleejjii Saayinsii Fayyaatiin Qorannoon gaggeeffameen, lubbuu namoota 1,329 gargaarsi nyaataa hir’achuu hordofee beelaan dhaqqabeen walqabate du’u isaanii Kibxata dabree dursee ifa godheera.

Itoophiyaa keessatti ji'a Waxabajjii bara 2023 irraa eegalee, gargaarsa nyaataa raabsuun kan dhaabatee yoo ta’u, sana dursee immoo, baatii Ebla irraa eegalee Tigraay keessatti, hanga tarkaanfiiwwan raabsa bu'a qabeessa ta'an mirkaneessuu danda'an hojiirra ooluutti, jechuun uggurri kun itti fufee jira" jechuun dhaabnii gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Mootumootaa ykn OCHAAn gabaasa dhiheenya kana baaseen ibseera

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG