Kophee fiigichaa haaraan Dilbata darbe dorgommii maaraatoonii dubartootaa Atleet Tigiist Assaffaa ka’attee qabxii haaraa Barliin keessatti ittiin galmeessite, Kibxata har’a gatii ija namaa hawwatu kan quuqama fiigdota amaatarootaa jabeessuu qabachuun gurgurtaaf dhiyaate.
Addidaas, dorgomaan isaa guddaa Naayikii fi kaampaanilee kanneen biro waliin yoo ta’u, waggootaaf Kophee gaarii “supershoe" jedhamu dhiyeessuun wal dorgomaa turan.
Kopheen Addidaas kan milla lamaa namnii tokko ka’atuuf doolaara 500 kan gaafatee yoo ta’u, gatii kophee fiigichaa Naayikii “Alphafly 2 “jedhamu doolaara 225 caalaa gaafatee jira.
Kunis fiigdonni amaataroota ykn beekamoo hin taanee meeqatu, baasii dabalataa kanaan fudhatu gaaffii jedhu kaaseera.
Ulfaatina giraama 138 qofa kan qabu kopheen Adiidaas kun baayyee salphaadha, garuu kan turu miti. Fiigicha fageenya maaraatoonii tokkoof (kiiloo meetira 42, ykn maayilii 26) fi dorgommii duraa qaama ho'isuuf qofa akka itti fayyadamaniif kan qophaa'ee yoo ta'u, akkuma Addidaas jedhutti, fiigdonni tokkoon tokkoon fiigiicha maaraatoniif haaraa bitachuu qabu. Kunis maayilii tokkoof naannoo doolaara 19 baasuu jechu akka ta’e ibsee jira.
Ariitiin fiiganii injifachuu danda’uu fi kopheen kun barakachuu ykn umrii dheerachuu dadhabuu keessaa filachuu dha jedha Addiidaas.Atleet Tigiist Asaffaa siin bonna jechuun Adiidaas galateeffatee jira.
Forum