Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Gargaarsa Gaaboniif Laattuu Dhaabaa Jirti


FAAYILII -Amerikaan Gargaarsa Gaaboniif Laattuu Dhaabaa Jirti
FAAYILII -Amerikaan Gargaarsa Gaaboniif Laattuu Dhaabaa Jirti

Waraanni Gaaboon ji'a darbe itti gaafatamummaa biyyatti erga fudhatee booda, Yumaaytid Isteetis gargaarsa Gaaboonf taasiftu yeroof dhaabaa jirti.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Blinkeen ibsa baasaniin, mootummaan Amerikaa, sagantaalee gargaarsa alaa murtaa’oo kan mootummaa Gaaboon fayyadamaa itti ta’e dhaabsiisaa jira. Kunis miseensonni waraana biyyattii gidduu seenuun heera mootummaa faallessu gochuu isaanii hamma madaalluutti jedhan.

Blinken akka jedhanitti Ameerikaan biyya boba’aan badhaate kan Afrikaa waaltaa kana keessatti, hojii dippilomaasii fi tajaajiila qoonsilaa itti fuuftee jirti.

Hoggantoonni waraanaa kan Gaaboon Hagayya 30 Alii Boongoo Ondimbaan filannoo sirna dhablummaatiin bal’inaan qeeqame irratti mo’ataa ta’uun labsametti, aangoo irraa fonqoolchan.

Waraanni kun hogganaa mormituu kan ta’an muummicha ministeeraa gochuun muudame, Raaymond Ndong Sima, torban darbe haasawaa yaa’ii Tokkummaa Mootummoota irratti dhageesisaniin, filannoo haaraa gaggeessuuf tarkaanfii akka fudhatan waadaa kan galan yoo ta’u, biyyoonni dhihaa fonqolcha mootummaa kana akka hin balaaleffanne gaafataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG