Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroon Turtii Qorattoota Komishinii Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii Haala Itiyoophiyaa Keessaa Qoratuu Akka Dheereffamu Gaafatame


Hiyuumaan Raayitsi Waach ibsa baaseen qorannoon gareen ogeessota komishinii mirgoota namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniin Itiyoophiyaa irratti taasifamu ammas yeroon isaa dheerachuufi qaba jechuun gaafate. Gamtaan Awuurooppaas dhimma kana akka hooganu kennameef qorannoo rakkoo mirgootaa akka Idil Addunyaatti jiran ilaalcha keessa galchuu qabas jedheera.

Gareen ogeessota komishinii mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan Itiyoophiyaarratti qorannoo gaggeessaa ture gabaasa qorannoo isaa torban darbe baaseen waraana kaaba Itiyoophiyaa keessaa hordofee gochi hammeenyaa bal’aan raawwatamuu, humnoonni mootummaa Itiyoophiyaa fi Eriitiriyaa namoota nagaa sabaan Tigiree ta’an jumlaan kan ajjeesan 49 akka galmeesse, hookkara saalaa fi humnaan gudeeddiin raawwatamuu shammarranii fi dubartoonni Tigiree 10,000 gochaa kanaan miidhaan irra ga’uu , beela , humnaan qe’eerraa buqqifamuu fi hidhaa akksumas Yakkoonni waraanaa fi namoomaa qaamoota waraanicha keessatti hirmaatan humnoota waraanaa Tigiraay, kan mootummaa Federaalaa, humnoota Eritiriyaa waliin ta’uun raawwataniirus jedha gabaasichi. Itti dabaluunis jeequmsoonni naannoo Amhaaraa fi oromiyaa akkasumas naannoolee biraa keessaas sarbama mirgoota namoomaa geessisaa akka jiranis akeekkachiiseera.

Ibsi Hiyuumaan Raayitsi yeroon qoranichaa akka dheeratu gaafate kun Itiyoophiyaa keessatti miidhamtoonni fi maatiin isaanii irra deddeebbiin qorannoon dhugaa , haqaa fi sirreeffamaa akka taasifamu gaafataa turaniiru , garuummoo dhaabbileen biyyattii keessaa kana galmaan ga’uu isaaniirratti amantaa hin qaban jedha.

Bara 2021tti miidhamtoonnii fi leelliftoonni mirga namoomaa taattffii taasisaa turaniin gareen ogeessota Komishinii mirga namoomaa Idil Addunyaa kan Itiyoophiyaarratti qorannoo taasisuu fi Gamtaa Awurooppaa barreeffama aangoo isaa haaromsuu akka dhiyyeessu gaafataniiru.

Garuu wixinee mana murtii mana maree mirgoota namoomaatti dhiyyeessuuf torbaan tokko kan hafeef ammallee Gamtaan Awurooppaa barreeffama hordoffii kamiyyuu akka dhiyyeesu waanti agarsiisu hin jiru.

Haalli Itiyoophiyaa Ajandaa mana marichaarraa gadi bu’ee abdiin miidhamtootaa miidhamuu hin qabu kan jedhe Ibsi Hiyuumaan Raayitsi Waach Manni marichaa yeroo aangoo garee ogeessota komishinii mirga namoomaa Idil addunyaa kan Itiyoophiyaarratti qorannoo taasisanii haaromsuun qorannoon akka Idil Addunyaatti itti fufinsa qabuu fi qorannoo sarbama mirga namoomaa darbee akkasumas itti fufee jiruu irratti akka taasifamu jechuun gaafateera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG