Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himannaan Akka Pireezidaant Joo Baayideen Taayitaarraa Buqqisaman Gaafatu Har’a Koree Mana-maree Yunaayitid Isteetisiin Ilaalamuu Eegala  


FAAYILII - Pireezidaantii Yuunaayitid Isteets, Joo Baayiden
FAAYILII - Pireezidaantii Yuunaayitid Isteets, Joo Baayiden

Mana maree bakka bu’ootaa Yuunaayitid Isteetsitti koreen to’annoo fi itti gaafatamummaa qorannoo isa Pireezidaant Joo Baayiden aangoorraa akka kaafamaniif taasifamu inni jalqabaa Kamisaa har’aa jalqaba.Hooggansi Koree kanaa Rippaabulikaanoonni akka ibsanitti dhaddachi kun gaaffilee heera mootummaa fi seera irratti kan xiyyeeffatus jedhaniiru. Hoogganaan Koree kanaa Jiim Komer ragaa hanga har’aatti mul’atan dhiyyeessuun yakka maatiin Baayiden raawwataniiran jedhaman ogeessii seeraa fi faayinaansiirraa dhaga’amas jedhan.

Baayid garuu badii tokkollee akka hin dalagne haaleera. Itti gaafatamtuun Pireesii Waayiit Haawus Kaariin Jiin Piyeer jalqaba baatii kanaa sabaa himaaleef akka ibsanitti himannaa bu’uura hin qabnedha jedhanii ture. Himannaa siyaasaati malee ragaan jiru hin jiru jechuunis dabaltee dubbatteetti.

Af yaa’iin mana maree paartii warra Rippaabulikaanootaa Keevin Maakaartii qorannoo Baayideen aangoorraa akka kaafami akka taasifamu kan jalqaban jalqaba baatii kanaatti yommuu ta’u , himanicchis daldala biyyoota alaa ilmi pireezidaantri Joo Baayiden Hanter Baayiden waliin hojjetu iratti kan xiyyeeffatudhas. Akka himannaa warra Rippaabulikaanootaatti Joo Baayideen wayita Itti aanaa Pireezidaantii turanitti maqaa maatii isaanii fayyadamuun maamiltoota biyya alaa waliin karaa ilma isaanii walii galteewwan hojii daldalaa raawwataniiru kan jedhudha.

Forum

XS
SM
MD
LG