Ministarri ittisaa Yunaayitid Isteetis Looyid Austiin daawwannaa isaanii biyyootii Afriikaa erga xumuranii booda har’a gara Yunaayitid Isteetisitti deebi’anii jiran. Odu gabaastuun VOA kan Pentaagon Karlaa Baab Austiin waliin imaluun akka gabaastetti Oostiin daawwannaa isaanii biyya Jibuutii, bakka maadheen waraanaa Yunaayitid Iseetis jalqabaa ardii Afrikaa keessaa itti argamu irraa eegalan.
Achittis hoggantoota Jibuutii fi pirezidaantii Somaaliyaa, akkasumas kan humnoonni isaanii waggaa darbe keessaa fi walumaa galatti waggoota shan caalaaf garee shororkeessummaa al-Shabab irratti duuluun guddina agarsiisan, jedhan waliin wal arganii dubbatan. Sana booda gara Keeniyaatti qajeelanii lafa daangaa Somaalee irratti argamu kan bara 2020 haleellaan shororkeessotaa lammiilee Ameerikaa sadii itti galaafate maadhee waraanaa Mandaa Beey daawwatan, Oostiin.
Forum