Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Midhaan Nyaataa Naannoo Tigraayiif Erguu Itti Fufuu Beeksise 


FAAYILII - Namoota midhaan qarqaarsaaf dhihaate batanii deeman, Aguwaalaa, Tigraay, Caamsaa 8, 2021.
FAAYILII - Namoota midhaan qarqaarsaaf dhihaate batanii deeman, Aguwaalaa, Tigraay, Caamsaa 8, 2021.

Mootummaan federaalaa deggersa midhaan nyaataa kuntaala 126 ol xumura torban kanaatti gara naanoo Tigraayitti erguu jalqabuu isaa komishiin qajeelcha sodaa balaa beeksisee jira.

Itti gaafatamaan qajeelca komiishina sodaa balaa kan naannichaa obbo Gebreigzaaber Aregaawii Jimaata har’aa tuuta oduuf ibsa kennaniin akka jedhanitti, mootummaan naannoo sagantaa seeftii net jalatti aanaalee 23 keessatti hongeen uumamuu isaaf lakkoobsi namoota gargaarsa fedhanii akka dabale ibsanii jiran.

Gargaarsi kennamu kun illee buqqaatota kuma 74f oola jedhamee jira. Komiishinni mirga namaa Itiyoophiyaa dhiyeenya ibsa baaseen, mootummaa fi qaamoleen gargaarsa namoomaa dhimmi ilaallatu, gareelee saaxilamoo ta’anii fi naannoo walitti bu’iinsaan miidhaman keessa jiraataniif gargaarsa namoomaa ga’aa fi kan yerootti dhaqqabu hatattamaan akka itti fufan gaafateera.

Sagantaan nyaata addunyaa fi dhaabbati misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaayitid Isteetis USAID, gargaarsi midhaan nyaataa kan yeroo hatattamaa saamamaa jira jechuu dhaan deggersa naannoo sanaaf kennu ji’a Ebla bara 2015tti addaan kutuun isaa ni yaadatama. Gargaarsi kun akka itti fufu waadaa seenamaa tureera, garuu guyyaan itti jalqabamu hin beekamu jechuu dhaan obbo Gerbreigzaabeer beeksisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG